Finfinnee, Hagayya 20, 2018 (FMC) – Fooyya’iinsa dhaabbatummaa geggeeffameen misooma manneenii gara filannoowwan ammayyaa fi saffisaa ta’aniitti ceesisuun danda’amuu Hoji-raawwachiisaa Olaanaan Korporeeshinii Manneen Federaalaa, Dooktar Rashaad Kamaal, ibsan.Hoggantoonni FMC daawwannaa Korporeeshinii Manneen Federaalaa taasisuun fooyya’iinsa dhaabbichaa, akkasumas bu’aawwan damee misooma manneenii fi raawwii hojii keessatti galmaa’an daawwataniiru.Dooktar Rashaad Kamaal yeroo kanatti akka ibsanitti, dhaabbatichi muuxannoo waggoota 50 keessatti horate fooyya’iinsa dhaabbataa waliin qindeessuun hojiiwwan misooma manneenii fi galii maddisiisuu babal’isaa jira.Hojii fooyya’iinsaa Korporeeshinichi raawwateen pirojektoonni Piyaasaa fi ‘Gold Site’ xumuramanii tajaajilaaf banaa ta’uu ibsaniiru.Manneen daldalaa tumsa maamiltootaan ijaaraman gara tajaajila kiraatti galuu fi galii dabalataa maddisiisuu eegaluu isaanii eeraniiru.Fooyya’iinsi geggeeffame dhaabbaticha sirna hojii harkifataa duraan ture keessaa baasuun aadaan raawwii hojii akka fooyya’u, bulchiinsi qabeenyaa fi manneenii akka ammayyaa’u, maddoonni galii akka babal’atan, akkasumas raawwiin hojii bu’aa irratti hundaa’e akka jiraatu kan gargaaru ta’uu Dooktar Rashaad Kamaal ibsaniiru.Kanaanis, damee misooma manneenii, guddina galii, dandeettii raawwii hojii fi sirna bulchiinsa manneenii ammayyaa keessatti bu’aawwan qabatamaa galmeessuun danda’amuu himaniiru.Teknooloojii ijaarsaa ‘3D’ ammayyaa babal’isuuf manneen yaalii ijaaruu jalqabuu kan eeran Dooktar Rashaad Kamaal, hojiiwwan raawwatamaniin dhaabbatichi fooyya’iinsa sirna hojii keessaa qofa irratti osoo hin daangeffamin, misooma manneenii gara filannoowwan ammayyaa fi saffisaa ta’aniitti ceesisaa jiraachuu ibsaniiru.Hoji-raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Miidiyaa Korporeeshinii, Obbo Charuugeetaa Gannanaa, gama isaaniin, miidiyaan ijaarsa biyyaafi mootummaa cimsuu, kallattiiwwan misoomaa babal’isuu fi jijjiiramoota qabatamoo dhaabbilee keessatti galmaa’an uummataaf beeksisuu keessatti gahee murteessaa qaba jedhaniiru.Fooyya’iinsi dhaabbataa Korporeeshinii Manneen Federaalaa gaggeesse jijjiirama sirna hojii keessaa qofa osoo hin taane, bu’aa kallattii misooma manneenii mootummaa hojii irra oolchuuf gargaaru argamsiisuu ibsaniiru.Dhaabbatichi adeemsa fooyya’iinsaa keessatti sirna hojii isaa fooyyessuu, muuxannoo bulchiinsa qabeenyaa fi manneenii ammayyeessuu, maddoota galii babal’isuu fi aadaa raawwii hojii bu’aa irratti hundaa’e ijaaruun isaa dhaabbilee biroof muuxannoo qoodamuu danda’u ta’uu eeraniiru.Hoggantoonni FMC, daawwannaan kun muuxannoo dhaabbilee lamaan gidduutti waljijjiiruu fi tumsa cimsuun ijaarsa biyyaafi hojiiwwan misoomaa waliin hojjechuuf gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.#Oromia #Ethiopia