Itiyoophiyaan guyyaa jalqabaa Tapha Dargaggootaa ‘ANOCA’ Zoonii 5ffaa irratti madaaliyaa warqee 4 argatte

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 20, 2018 (FMC) – Keeniyaan keessummeessaa kan jirtu Tapha Dargaggootaa ‘ANOCA’ Zoonii 5ffaa bara 2026 irratti, guyyaa jalqabaa Itiyoophiyaan madaaliyaa warqee 4 argatte.Itiyoophiyaan madaaliyaa warqee kanneen kan argatte dorgommiiwwan atileetiksii fi biskileetaan.Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommii ANOCA Zoonii 5ffaa irratti damee atileetiksiin madaaliyaa warqee 3 fi meetii 1 mo’ataniiru.Dorgommii atileetiksii meetira kuma 3 dubartootaan Yoordaanos Tsigaab; dorgommii meetira 800 dubartootaan Natsannat Salamoon; akkasumas dorgommii tarkaanfii kiiloo meetira 5 dubartootaan Neymaan Nuuraddiin madaaliyaa warqee Itiyoophiyaaf argamsiisaniiru.Waamii Waajjiraa ammoo dorgommii meetira 1,500 dhiiraatiin Itiyoophiyaaf madaaliyaa meetii argamsiiseera.Dorgommii yaalii sa’aatii dhuunfaa biskileetaa dhiiraan ammoo Laggasee Salamoon madaaliyaa warqee yoo argamsiisu, dorgommiima kana ramaddii dubartootaan Maahidar Dastaa  meetii argamsiiisteetti.Walumaagalatti, Itiyoophiyaan guyyaa jalqabaa Tapha Dargaggootaa ANOCA Zoonii 5ffaa irratti dameewwan ispoortii lama keessatti madaaliyaa warqee 4 fi meetii 2, waliigalaan madaaliyaa 6 walitti qabatteetti.Leewwii Ballaxaatu gabaase