Magaalaan Jimmaa kabaja Ayyaana Guyyaa Saboota, Sablammoota fi Ummattoota Ityoophiyaa 21ffaaf qophii duraa haala qindaa’een gaggeessaa jirti – Af-yaa’ii Aganyahu Tashaagar

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 20, 2018 (FMC) – Ayyaanni Guyyaa Saboota, Sablammoota fi Ummattoota Ityoophiyaa 21ffaan Magaalaa Jimmaatti kabajamuuf qophiin duraa haala gahaa fi qindaa’aa ta’een gaggeeffamaa jiraachuu Afa yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aganyahu Tashaagar ibsan.Gareen hojii Mana Maree Federeeshiniin Afa yaa’ii Aganyahu Tashaagariin durfamu, magaalaa Jimmaattii bakka ayyaanni Guyyaa Saboota, Sablammoota fi Ummattoota Ityoophiyaa 21ffaan itti kabajamu akkasumas hojiiwwan misoomaa magaalichatti hojjetaman har’a daawwateera.Obbo Aganyahu Tashaagar yeroo kana akka jedhanitti, hanga ammaatti hojiiwwan qophii dursaa haala gahaa fi qindaa’een hojjetamaniiru.Afa yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan gama isaaniitiin, Ayyaanni Guyyaa Saboota, Sablammoota fi Ummattoota Ityoophiyaa 21ffaan sadarkaa biyyaalessaafi sadarkaa naannootti Magaalaa Jimmaatti milkaa’inaan akka kabajamuuf xiyyeeffannoo addaa kennuun qophiin gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.Ayyaanichi waltajjii danooma  waliin jireenya, duudhaalee waliinii fi walitti dhufeenya ummattoota Ityoophiyaa cimsuuf ta’u akka danda’uuf, hojiiwwan qophii hunda haala qindaa’aa fi qulqullina qabuun raawwachuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.Ayyaanni Guyyaa Saboota, Sablammoota fi Ummattoota Ityoophiyaa 21ffaan qopheessummaa Naannoo Oromiyaa fi qindeessummaa Mana Maree Federeeshiniin Magaalaa Jimmaatti kan kabajamu ta’uun ni beekama.#Oromia #Ethiopia