Atileet Yoomiif Qajeelchaa fi Foteen Tasfaay simannaa hoo’aan simataman

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 20, 2018 (FMC) — Dorgommii walakkaa maaraatoonii Arjentiinaa, magaalaa Bonas Ayresitti gaggeeffameen, atileetota dhiiraa keessaa rikordii addunyaa haaraa kan galmeesse Atileet Yoomiif Qajeelchaa fi dorgommii atileetota dubartootaan ammoo rikordii bakka dorgommichaa haaraa galmeessuun kan injifatte Atileet Foteen Tasfaay, Finfinnee yeroo ga’an haala hoo’aan simatamaniiru.Atileet Yoomiif Qajeelchaan yeroo daqiiqaa 56 fi sekondii 51 keessatti dorgommicha xumuruun, rikordii addunyaa walakkaa maaraatoonii daqiiqaa 57 fi sekondii 20 kan Atileetii Ugaandaa Jaakob Kiipliimoon qabamee ture fooyyeessuun, rikordii addunyaa haaraa galmeesseera.Dorgommii ramaddii dubartootaan Atileet Foteen Tasfaay yeroo sa’aatii 1, daqiiqaa 3 fi sekondii 57 keessatti xumuruun, rikordii bakka dorgommichaa fooyyeessitee sadarkaa jalqabaarratti xumuruun injifatteetti.Atileetonni lamaan Finfinnee yeroo ga’an Ministir deetaan Aadaa fi Ispoortii Maakkiyuu Mahaammad, Pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Komaandar Atileet Silashii Sihiin, akkasumas hoggantoonni olaanoon federeeshinichaa biroon argamanii, Maarsh Baandii Poolisii Federaalaa waliin simannaa hoo’aa fi kabajaan simataniiru.#Oromia #Ethiopia