Finfinnee, Hagayya 17, 2018 (FMC)- Injifannoowwan gurguddoon tokko tokko dirree waraanaa irratti hin galmeeffaman; seenaan tokko tokko sagalee rasaasaan osoo hin taane, marii fi waljijjiirraa yaadaan barreeffamu. Itiyoophiyaanis dhugaa kana ofii isheefis ta’e addunyaaf hojii irra oolchuun mirkaneessiteetti.Itiyoophiyaan qajeeltoo “Rakkoo Afrikaaf furmaata Afrikaa” jedhu qabatamaan dhugoomsuu dandeesseetti.Walitti bu’iinsa waggoota dheeraa, madaa kuufamee fi garaagarummaa dhalootaa dhalootatti darbaa dhufe qawween osoo hin hin taane, mariin furteetti.Dhiigni osoo hin dhangala’in, lammiin lammii irratti osoo hin ka’iin Itiyoophiyaanonni kumni 4 naannolee garaagaraa irraa walitti dhufan waltajjii tokko irratti waliin taa’uun egeree biyya keenyaa bocaniiru.Injifannoon kun kan Itiyoophiyaa qofa miti; obboloota keenya Afrikaa maranmartoo walitti bu’iinsaa fi hiyyummaa keessatti rakkachaa jiranif fakkeenya abdii fi ifa kennuudha.Afrikaan rakkoo ishee ijoollee isheetiin, ogummaa isheetiin, beekumsa isheetiin, akkasumas falaasama isheetiin furuu akka dandeessu kan mirkaneessedha.Rakkooleen Afrikaa furmaata alaa irraa dhufuudhaan osoo hin taane, dandeettii fi murtee ijoollee isheetiin furamuu akka danda’an kan mirkaneesse fakkeenya seena qabeessaadhas.Haaluma kanaan, addunyaan har’a Itiyoophiyaa ilaalcha addaatiin ilaaluuf dirqamteetti. Itiyoophiyaan biyya rakkoolee waggoota dheeraaf ishee mudatan mariin furte jedhamuun yaadatamti.Pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa fi Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa Gamtaa Afrikaa , Oliiseguun Obaasaanjoo, mariin seena qabeessi kun Afrikaa guutuuf fakkeenya guddaa ta’uu ibsaniiru.Itiyoophiyaanonni nagaa fiduuf marii filachuun isaanii hojii dinqisiisaa ta’uu ibsuun, mariin hammam yeroo yoo fudhate illee, miidhaa walitti bu’iinsaa fi waraanaa waliin yoo madaalamu gatiin isaa baay’ee ol’aanaa ta’uu hubachiisaniiru.Pirezidaantiin duraanii Keeniyaa, Uhuuruu Keeniyattaanis, adeemsa kana yeroo dheeraaf hordofaa turuu fi baay’ee akka isaan dinqisiise ibsaniiru.Afrikaan karoorawwan gurguddoo karoorsuu fi egeree ishee murteessuu akka dandeessu ibsuun, mariin milkaa’aan kun dandeettii kanaaf ragaa jiraataa ta’uu isaaf, “Anis ragaa dha” jechuun ibsaniiru.Itiyoophiyaan Afrikaaf boqonnaa haaraa banuun ishee kun yeroo jalqabaaf miti; injifannoo Adwaa irraa eegalee, hanga har’aatti waltajjii marii biyyaalessaa fi Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa dandeettii ofii isheen hundi ragaa qabatamaadha.Har’as, ardichi Itiyoophiyaa abdii guddaa irraa qaba.Rakkoo Afrikaaf furmaanni Afrikaa keessaa madda. Itiyoophiyaan kana hojii irra oolchuun mirkaneessiteetti; amma dabareen kan dhaloota itti aanuuti.#Oromia #Ethiopia