Finfinnee, Hagayya 22, 2018 (FMC)- Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa balallii xiyyaara fe’umsa meeshaalee haaraa gara Chaayinaa Cheenduutti eegaleera.Tajaajilli balallii fe’umsaa haaraan kun sochii daldalaa fi geejjibaa meeshaalee Chaayinaa fi Afrikaa gidduu jiru daran saffisiisa akkasumas hariiroo diinagdee fi daldalaa naannawaa lameenii caalmaatti cimsuuf kan gargaaruudha.