Finfinnee, Hagayya 22, 2018 (FMC) — Itiyoophiyaa fi Taayilaand tumsa biyyoota lamaanii caalaatti cimsuuf waliigaltee mallatteessaniiru.Itti-aanaan Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa Taayilaand, Sihaasaak Fuwaangkeetiikiiyoon, “Inishiyeetivii Taayilaand–Afrikaa” ifatti eegalchiisaniiru. Itti-aanaan Ministira Muummee biyyattii yeroo kanatt, “Mallattoon waliigaltee har’a hariiroo fi tumsa keenya caalaatti cimsuuf kan gargaaru dha,” jedhaniiru.Tumsa waloo caalaatti cimsuufis Itoophiyaa fi Taayilaand biyyoota waliin hojjetan ta’uu ibsaniiru.Ministirri Dhimma Alaa RDFI, Dooktar Geediyoon Ximootewoos, gama isaaniin, tumsi har’aa hariiroo fi tumsa biyyoota lameenii keessatti murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.Daawwannaan Itti-aanaan Ministira Muummee fi Ministira Dhimma Alaa Taayilaand , hariiroo biyyoota lamaanii Itoophiyaa fi Taayilaand gidduutti guddachaa dhufe gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.Yismawu Adaraawutu gabaase