Sanyiiwwan qamadii oomisha olaanaa kennan qonnaan bultootaaf dhiyaachaa jiru – Giddugalicha

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 22, 2018(FMC) – Giddu galli qorannoo qonna Qulumsaa gosoota sanyii qamadii oomisha olaanaa kennan qonnaan bultootaaf dhiyeessuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessaaan jira jedhe.Mul’ata biyyaa dhugoomsuufi Birmadummaa nyaataa mirkaneessuufis sanyii gosa garaagaraa baay’isuurratti hojjetaa jiraachuu ibseera.Giddugalichi qonnaan bultoota Godina Arsii Aanaa Xiyyoof qamadii sanyii filatamaa ‘Abbaay’ fi ‘Malkaa’ jedhaman kenneera. Wayituma kana gidduu galichi oomishtummaa qonnaan bultootaa guddisuuf qorannoowwan adda addaa geggeessuun sanyiwwan filatamoo oomisha guddaa kennuu danda’an oomishaa jiraachuu Daariyekterri giddu galichaa obbo Shimallis Alamaayyoo ibsaniiru.Bara kanas sanyii filatamaa Abbaayiifi Malkaa haala qilleensa naannootti madaqan aramaa dandamatanii fi bu’aa dachaa kennuu danda’an,Aanaalee garaagaraa keessatti sanyii baay’isuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachus himan.Giddugalichi Qonnaan bultoota sanyii baay’isuuf eeyyama qabaniif giddu gala sanyii itti baay’isanitti Sanyii haadhoo kennuun, qonnaan bultoota waldaan gurmaa’anii sanyii baay’isan cimsuu, leenjii kennuu, hordoffiifi gamaggama taasisuu, deeggarsa ogummaa dirree fi haala qabannaa kuusaa isaanirratti hubannoo uumuun wabii hawaasaa ta’aa jiraachuus kaasaniiru.Qonnaan bultoonni giddu galicharraa tajaajila argatanis, deeggarsa taasifameefitti gammaduufi bu’aa barbaadamu argachuun jiruuf jireenya isaanii jijjiiramaa jiraachuu eeraniiru.Giddu galichi hojii oomishtummaanguddisuuf hojjetaa jiru kana qooda fudhattoota adda addaaf muuxannoo qoodeera. Faxxanaa Zawudeetu gabaase#Oromia #Ethiopia