Oromiyaatti eegumsi qabeenya uumamaa galii damee tuurizimii guddiseera- Dhaabbaticha

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 22, 2018(FMC)- Naannoo Oromiyaatti eegumsi qabeenya uumamaa galii damee tuurizimii irraa argamu guddiseera jedhe Dhaabbanni Bosonaafi Bineensota Bosonaa naannichaa.Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbatichaa Araarsaa Raggaasaan akka jedhanitti, waggoota muraasa darban keessatti qabeenya bosonaa misoomsuun eegumsa naannoof xiyyeeffannoo olaanaa kennuurra darbee iddoo hawwata tuurizimiifi madda qabeenyaa gochuun danda’ameera.Hojiin eegumsa naannoo uwwisa bosonaa dabaluu, nageenyi bineensota bosonaa akka eegamuufi warreen godaananii turan akka deebi’aniifi wal horaniif carraa uumuu eeraniiru.Haaluma Kanaan bineensonni bosonaafi simbirroowwan Itiyoophiyaa qofatti argaman daawwattoota hawwachuun galii argamsiisaa akka jiran kaasaniiru.Qabeenya uumamaa paarkiiwwan biyyaalessaa eeguu cinaatti adamoowwan seera qabeessa adda baasuun madda galii gochuun danda’ameeras jedhaniiru.Bineensota bosonaa dulloomaniifi miidhaan irra gahe adda baasuun kunuunsi taasifamaafii akka jiru ibsuusaanii TOI gabaaseera.#Oromia #Ethiopia