Finfinnee, Hagayya 22, 2018 (FMC) – Fooyya’iinsi Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu guddina diinagdeef gumaacha olaanaa qaba jedhe Dhaabbanni Maallaqaa Idil- Addunyaa (IMF).Ministeera Galiiwwanii fi bakka bu’oota Dhaabbata Maallaqaa Idil-Addunyaa (IMF) gidduutti walga’iin xumuraa gaggeeffameera.Walga’icharratti Ministir Deetaan Ministeera Galiiwwanii, Yaasmiin Wahaabrab akka jedhanitti, Itiyoophiyaan ajandaalee fooyya’iinsaa ishee itti fufsiisuu fi guddina diinagdee waliigalaa cimsuuf hojiiwwan gurguddaa hojjechaa jirti.Hojiileen fooyya’iinsaa kunneen misooma waaraa mirkaneessuu fi dameewwan adda addaa keessatti raawwii biyyaattii fooyyeessuuf gahee olaanaa akka qaban ibsaniiru.Kunis hoggansa cimaa fi deeggarsa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad’n hojiirra oolaa jiraachuu eeraniiru.Ministeerichi sassaabbii galii cimsuu fi dandeettii qabeenya biyya keessaa sochoosuu guddisuuf hojiiwwan hedduu hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.Dhaabbata Maallaqaa Idil-Addunyaa Itti Aantuun Hoogganaa Kutaa Bulchiinsa Galii, Ribekaa Isparkmaan gama isaaniin, hojiiwwan fooyya’iinsaa Itiyoophiyaan raawwachaa jirtu dinqisiifataniiru.Tarkaanfiileen fi karoorawwan fooyya’iinsaa Itiyoophiyaa guddina diinagdeef, akkasumas ajandaa misoomaa bal’aaf gumaacha olaanaa qabaachuu kaasanii, Dhaabbanni Maallaqaa Idil- Addunyaa tattaaffiiwwan jijjiiramaa Itiyoophiyaa deeggaruuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.Marichaan tumsa Ministeera Galiiwwanii fi Dhaabbatichaa cimsuu, sassaabbii galii biyya keessaa jabeessuu fi guddina diinagdee waaraa babal’isuuf waliigalteerra gahamuu ragaan ministeerichaarraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia