Korpooreeshiniin Manneen Federaalaa galii Birrii Biiliyoona 12.5 argate

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 22, 2018 (FMC)- Korpooreeshiniin Manneen Federaalaa galii Birrii Biiliyoona 12.5 argachuu ibse.Invastimanti Hooldingiin Itiyoophiyaa karoora raawwii bara 2018 Korporeeshinichaa gamaaggameera.Waltajjicharratti korporeeshinichi galii waggaa, manneen kiraa, suphaa fi argannoo sharafaa alaan raawwii olaanaa galmeeesseera.Karoora Manneen Kiraa fi suphaan %130 milkeessuun, argannoon sharafa alaa kan bara darbeerra %5 guddina galmeesseera.Korpooreeshinichi bara baajatichaatti galii Birrii biiliyoona 12.5 argachuun karoora isaa %91 milkeessuu danda’eera.Korporeeshinichi fuulduratti akkaataa qabiinsaa fi bulchiinsa qabeenyaa ammayyyeessuun ,maddoota faayinaansii ijaarsa gurguddoof olaan barbaaduu irratti xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu ibseera.