Finfinnee, Hagayya 18, 2018 (FMC) – Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Ayyaana dhaloota Nabiyyuu Mahaammad (SAW) 1501ffaa ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarseera.Guutuun ergaa Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa dabarse akka armaan gadiitti dhiyaateera:“Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa hordoftoota amantaa Islaamaa biyya keessaa fi addunyaa maraa jiraniin uummata hundaaf baga ayyaana yaadannoo dhaloota Nabiyyuu Mahaammad (SAW) 1501ffaa (Mawuliidaan) nagaa fi fayyaan isin gahe jechuun hawwii gaarii isaanii kabajaan ibsu.Ayyaanni Mawuliidaa baranaa mareen biyyaaleessaa milkaa’inaan eega xumuramee booda kan kabajamu ta’uu isaatiin gammachuu ayyaana yaadannoo kanaa dachaa taasisa.Ji’a tokkoo fi guyyoota 15f geggeeffamaa kan ture mareen biyyaaleessaa falmii cimaa, garaagarummaa yaadaa fi fedhiin kan keessatti mul’ate ta’us, adeemsa keessa garuu dantaa biyyaa fi ummataaf dursa kennuun waliigalteen kan xumurame milkaa’ina seena-qabeessa.Milkaa’ina maree biyyaaleessaatiif hooggantoonni fi tajaajiltoonni dhaabbilee amantaa taasisan baay’ee ol’aanaadha. Fuulduraafis waliigalteewwan kanneen hojiitti hiikuu irratti itti gaafatamummaa isaanii gochaan akka ba’atan amantaan keenya cimaadha.Akka beekamutti Mawuliidni bara kanaa mata duree ‘Nabiyyuu Haqaa’ jedhuun kan kabajamu ta’a. Mata dureen kun Nabiyyuu Mahaammad haqaaf xiyyeeffannoo ol’aanaa kennanii akka jiraatanii fi tajaajilan yaadachuu, xiinxaluu fi leellisuuf carraa kan nuuf kennuu dha.Dhalachuun Nabiyyuu Mahaammad (SAW) sarbama mirga namummaa, miidhaa, cubbuu fi xuraa’ummaa lafa irratti babal’atee ture sirreessuu fi dhabamsiisuu keessatti shoora ol’aanaa qaba. Ulfinni namummaa fi garaalaafinni namummaa lafa irratti guutummaatti akka dagaaguufis kan gargaaree dha.Kanaan cinattis namoonni kaayyoo guguddaa uumama isaanii akka hubatanii fi jireenya isaanii lafarraa of eeggannoon akka gaggeessaniif daandii kan saaqeedha. Kanneen hunda caalaa namoonni Allaah sodaatanii akka jiraatan kan taasise waan ta’eef, ayyaana dhaloota ergamaa kanaa yeroo kabajnu Rabbi oolmaa nuuf ooleef galateeffachuu, seenaa isaanii isa guddaa yaadachuu, keessattuu gatii isaan haqaaf kaffalan yaadachuu fi nutis haqni lafa keenya irratti guutummaatti akka dagaaguuf ga’ee keenya ba’achuuf waadaa galuun ta’uu qaba.As irratti Nabiyyuu Mahaammad (SAW) bara lafa kana irra jiraatan hunda lammiilee isaanii qofa osoo hin taane sanyii namaa hundaaf namummaa, jaalala, kabaja fi garaalaafina akka agarsiisan yaadachuun barbaachisaadha.Dhuma irratti ayyaana yaadannoo dhaloota Nabiyyuu Mahaammad (SAW) 1501ffaa yeroo kabajnu aadaa wal-gargaarsaa Itiyoophiyaa baratameen lammiilee keenya dhukkubsatanii siree irra jiran, seera jala, walumaagalatti rakkoo keessatti argaman gaafachuu fi jajjabeessuu, kan qabnu qooduun ta’uu qaba.Kanaan Walqabatees biyya keenya Itiyoophiyaatiif nagaa, tokkummaa fi ummata keenyaatiif eebba garaarraa duwaa gochuun ta’uu akka qabu kabaja guddaan waamicha dhiyeessaa, irra deebi’uudhaan hoogganoota Majliisa Walii Galaq Dhimmoota Islaamaa Itiyoophiyaa, hoogganoota sadarkaa sadarkaadhan jiraniifi hordoftoota hundaaf baga ayyaana dhaloota Nabiyyuu Mahaammad (SAW) 1501ffaan nagaa fi fayyaan isin gahe, ayyaanichi kan nagaa, fayyaa, gammachuu, abdii fi eebbaa akka nuuf ta’u hawwina.Uumaan Itiyoophiyaa haa eebbisu!