Barattoonni kuma 70 fi 544 qabxii yunivarsiitii seenuuf isaan dandeessisu galmeessaniiru – Ministeera Barnootaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 16, 2018 (FMC) – Barattoota kuma 500 fi kuma 50 fi 210 qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2018 fudhatan keessaa, barattoonni kuma 70 fi 544 qabxii yuunivarsiitii seenuuf isaan dandeessisu galmeessisuu Ministeerri Barnootaa beeksise.Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Nagaa, bu’aa qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2018 ilaalchisee ibsa kennaniin, bara kana bu’aan fooyya’aan galmaa’uu ibsaniiru.Akka isaan ibsanitti, barattoota waliigalaa qormaata fudhatan keessaa kumni 70 fi 544 qofti qormaata darbuu danda’aniiru.Barattoota qormaata fudhatan keessaa dhibbeentaan 12.8 ta’an qabxii dhibbeentaa 50 fi isaa ol galmeessuu isaanii ibsaniiru.Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara kanaaf barattoonni kumni 500 fi kumni 63 fi 960 galmaa’anii, kumni 500 fi kumni 50 fi 210 qormaata fudhachuu eeraniiru.Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee barattoota isaa dhibbeentaa 32.3 dabarsuun sadarkaa jalqabaa irratti akka argamuus Ministirichi ibsaniiru.Bara kana barattoota qormaata fudhatan keessaa dhibbeentaa 62 kan ta’an karaa toora interneetii (online) qormaata fudhachuus ibsaniiru.Qormaatichi marsaa jahaan kennamuus Ministirichi yaadachiisaniiru.Akkasumas, manneen barnootaa 88 keessatti barattoonni hundi qormaata darbuu , manneen barnootaa 565 keessatti garuu barataan tokko illee qormaata darbuu akka hin dandeenye ibsaniiru.Barattoota qormaata darban keessaa, dhibbeentaan 16.5 Saayinsii Uumamaa, dhibbeentaan 8.33 ammoo kanneen Saayinsii Hawaasaa ta’uun ibsameera.Jamaal Ahimad’tu gabaase