Imala Dijitaala Itiyoophiyaa…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 19, 2018 (FMC)- Bara odeeffannoon saffisa olaanaadhaan babal’achaa jiruu fi addunyaan teeknooloojiin ganda tokko fakkaachaa jirtu kana keessatti, saffisni fi qophummaan teeknooloojii dhimmi jiraachuufi jiraachuu dhabuu akkasumas safartuu guddina biyya tokkoo ta’aniiru.Dhugaa kana dursitee kan hubatte Itiyoophiyaan, imala jijjiirama dijitaalaa ishee fedhii biyyaalessaa ishee qofaaf osoo hin taane, Afrikaafis fakkeenya haala ta’uu dandeessuu hojjechaa jirti.Bu’uura teeknooloojii biyyattii kan kaa’e inisheetiiviin “Dijitaal Itiyoophiyaa 2025” milkaa’inaan xumuramee, gara boqonnaa itti aanu tarsiimoo “Dijitaal Itiyoophiyaa 2030”tti ce’ameera.Kaleessa sadarkaa yaada qofa kan turan Godambaan Saayinsii, Inistiitiyuutiin Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa, akkasumas Inistiitiyuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oo-spaashaalii Itiyoophiyaa, giddugala teeknooloojii guguddaa ta’anii yeroo gabaabaa keessatti gara hojii guutuutti ce’uun, biyyattiin karoora jijjiiramaa qabdu irratti kutannoo cimaa akka qabdu agarsiisu.Tarsiimoon “Dijitaal Itiyoophiyaa 2030” mul’ata biyyaalessaa guddaa, diinagdee dijitaalaa teeknooloojiin deeggarame, hunda hammatee fi birmadummaa isaa eeggate ijaaruu kan qabudha.Adeemsi ce’umsa dijitaalaa kunis eenyummeessaa dijitaalaa biyyaalessaa (Faayidaa) fayyadamuun mirga lammiileen eenyummaa isaaniif beekamtii argachuu qaban mirkaneessuu, kaffaltiiwwan dijitaalaa babal’isuu, akkasumas tajaajiloota Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob kennaman gara sirna dijitaalaatti ceesisuuf kan xiyyeeffatedha.Odeeffannoon qabeenya guddaa yeroo ammaa ti; addunyaanis qabeenya kana sirnaan fayyadamuun hogganamaa jirti.Itiyoophiyaanis sarara odeeffannoo addunyaa kana waliin walitti hidhamiinsa cimsuuf, kallattii hundaan neetworkiiwwan interneetii dhaloota 4ffaa fi 5ffaa babal’isaa jirti.Haa ta’u malee, bu’uuraalee misoomaa teeknooloojii diriirsuun qofti gahaa miti. Misoomni humna namaa fi ijaarsi dandeettii dijitaalaa qaama ijoo jijjiirama kanaati.Kanaafis, sagantaa leenjii Koodaroota miliyoona 5 fi leenjiiwwan yeroo gabaabaa biroo kennuun, lammiilee teeknooloojii waliin walitti fiduu fi humna namaa guddisuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira.Gama biraatiin, kalaqa teeknooloojii aadaa fi afaanota naannichaa waliin walsimu irratti xiyyeeffannoon kennameera.Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa afaanota biyya keessaa waliin kan walsimu, akkasumas moodeelota hubannoo namtolchee kanneen akka ‘ChatGPT’ ykn ‘DeepSeek’ bakka bu’uu danda’u jedhamee kan ibsame “Mela” jedhamu hojii irra oolcheera.Akka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsanitti, teeknooloojiin siiviil sarvisii, seera kabachiisuu, Raayyaa Ittisaa, Miidiyaa, qonnaa fi damee indaastirii keessatti hojiiwwan guyyaa guyyaa saffisaafi bu’a qabeessummaa isaanii guddisuuf ojiirra oolaa jira.Kunis diinagdee beekumsa irratti hundaa’e ijaaruuf bu’uura cimaa kaa’eera.Immabeet Siisaayiin.#Oromia #Ethiopia