Yaa'iin Marii Biyyaalessaa Finfinneen magaalaa guddoo Oromiyaa jedhamtee heera keessatti akka tumamu yaada murtoo dhiyeesse

Wait 5 sec.

Mariin Biyyaalessaa Itoophiyaa ji'a tokkoo oliif ajandaawwan biyyaalessaa mari'achaa turuun guyyaa har'aa yaadota murtoo xumuraa dhiyeesseera. Haaluma kanaan magaalaan Finfinnee itti waamamni ishee magaalaa guddoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta'uu heera mootummaa keessatti akka tumamu yaada murtoo dhiyeesse.