Finfinnee, Hagayya 20, 2018 (FMC) — Yaadawwan marii biyyaalessaan waliigalteen irra ga’ame rakkoolee walxaxaa Itiyoophiyaa furuuf kan dandeessisan dha jedhe Paartiin Haqa Hawaasummaa Lammiilee Itiyoophiayaa.Pirezidaantiin paartichaa, Dooktar Mulu’aalam Taganyiwaarqi, ibsa har’a kennaniin, Paartichi ajandaawwan saddeetii fi yaada murtee Konfiraansii Marii Biyyaalessaaf dhiyaate akka fudhatu beeksisaniiru.Adeemsi marii biyyaalessaa rakkoolee walxaxaa karaa marii fi waliin-dubbiitiin, teessoo tokko irra taa’uun furuuf balbala haaraa kan banu ta’uu kaasuun, Izeemaan jalqabaa irraa eegalee hanga xumuraatti marii biyyaalessaa keessatti hirmaannaa dammaqinaan hirmaachaa turuu ibsaniiru.Ajandaawwan waliigalteen irra ga’ame uummataa fi mootummaa bira ga’anii hojiirra oolmaa isaanii keessatti gara sadarkaa murteessaatti yeroo ce’anitti, Izeemaan deeggarsa isaa akka itti fufsiisuus ibsaniira.Yaadawwan waliigalteen irra ga’ame rakkoolee walxaxaa Itiyoophiyaa furuuf kan dandeessisan ta’uu fi hojiirra oolmaan isaaniis adeemsa barbaachisaa hordofuun kan raawwatamu ta’uu akka qabu paartichi xiyyeeffannaa kenneera.Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee gaggeeffamaa ture, sirni cufiinsaa isaa Hagayya 16, 2018 gaggeeffamuun ni yaadatama.Zufaaan Kaasaahuntu gabaase#Oromia #Ethiopia