Magaalaa Finfinneetti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 6 darbe

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 18, 2018 (FMC) – Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Booleetti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 6 darbeera.Kutaa magaalichaa Aanaa 11tti naannawaa Mana Kiristaanaa Qiddist Kidaanee Mihiret jedhamutti balaa kanaan, namoota lubbuun isaanii darbeen dabalata miidhaan qaamaa cimaa fi salphaa qaqqabuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee ibseera.Har’a ganama sa’aatii 1:50 irratti, konkolaataan minibaasii Kooyyee Fachee irraa gara Gooroo imalaa ture, naannawaa eerame kanatti Iskaavatarii hojii daandii irratti bobba’ee ture irraa meeshaan konkolaataa Minibaasiirratti kufuun imaltoota keessa turan keessaa namoonni 6 lubbuu isaanii darbeera.Namoota lubbuu isaanii darbe malee imaltoonni biroo konkolaatichaa keessa turan miidhaa qaamaa cimaa fi salphaa irra ga’e hordoffii fayyaa argachaa jiraachuun ibsameera.Sababni balichaa qoratamaa jiraachuu poolisiin beeksiseera.