Finfinnee, Hagayya 18, 2018 (FMC)- Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa uummataaf dhaabbachuun, naamusa gaariin fi kabaja biyyaa gootummaa fi dandeettii olaanaadhaan eegsisuun seenaa cululuqaa barreesseera.Raayyaan kun nageenyaa fi tasgabbii lammiilee akkasumas daangaa biyyattii eeguu qofa osoo hin taane, ergamoota Afrikaa fi idil-addunyaa irratti dandeettii fi sadarkaa naamusaa olaanaa agarsiiseera.Hojiilee riifoormii mootummaan Ida’amuu, raayyaa kana ammayyeessuuf, ogummaa isaa cimsuu fi teeknooloojii yeroo ammaa waliin akka walsimu gochuuf gaggeesse keessaa, Ajajni Duula Addaa isa ijoodha.Ajajichi qaama ijoo Raayyaa Ittisa Biyyaa ta’ee, humna namaa dandeettii waraanaa fi teeknikaa olaanaa qabuun kan ijaarame yoo ta’u, birmadummaa, daangaa fi nageenya uummataa eeguuf qophaa’eera.Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa, Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa, ajajichi dandeettii qaamaa, cichoominaafi beekumsa waraanaa olaanaa qabuun “kallattii waraanaa kan jijjiiru” jechuun ibsu.Ajajichi Komandoo, Humna qilleensaa fi Farra Shororkeessummaa of keessatti hammachuun nageenya waliigalaa biyyaa eeguuf halkanii fi guyyaa gootummaan dhaabbachaa jira.Ajajaan olaanaan ajajichaa Letenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa, sirna eebba Koomaandoofi humna qilleensaa marsaa 45ffaa irratti haasawa taasisaniin, ajajichi ergama isaaf kennamu dandeettii amansiisaan raawwachaa jira jedhaniiru.Akkasumas, naamusa cimaa fi leenjii yeroo waliin deemu kan fudhate, gaachana Itiyoophiyaa ta’uus ibsaniiru.Ajajichi yeroo gabaabaa keessatti gara kutaalee biyyattii garaaraatti saffisaan socho’uun, ergamoota ulfaatoo fi walxaxaa ta’an raawwachuu danda’a.Yaaddoo shororkeessummaa biyya keessaas ta’e naannolee daangaa irratti ka’uu malu fashaleessuu fi balaa nageenyaa tasa uumamu ittisuu; akkasumas, haala teessuma lafaa ulfaataan osoo hin daangeffamin, ogummaa qiyyeeffannaawwan diinaa haleeluu isa dandeessisu kan gonfatedha.Lammilee haala rakkisaa keessa jiran ykn iddoowwan tarsiimawaa ta’an bilisa baasuu fi hojii baraarsaa raawwachuu; akkasumas, meeshaalee waraanaa ammayyaa deeggaramuun tarkaanfiiwwan iccitii fi saffisaa fudhachuu kan danda’udha.Miseensonni ajajichaa cimina qaamaa qofa osoo hin taane, qophii sammuu fi dandeettii murtee ariifachiisaa kennuu kan danda’anidhas.Kana malees naamusa cimaa, ogummaa waraanaa fi teeknooloojii ammayyaan kan hidhatan yoo ta’u, haala qilleensaa fi teessuma lafaa rakkisaa keessatti ergama isaanii raawwachuu danda’u.Malkaam Fiqaaduun.#Oromia #Ethiopa