Finfinnee, Hagayya 17,2018(FMC)- Itiyoophiyaan, biyya seena qabeettii shakkii, hoo’a siyaasaa fi walxaxiinsa seenaa keessatti waggoota dheeraaf raafamaa turte, har’a qalama ilmaan isheetiin kutaa seenaa haaraa barreessitee dha.Waltajjiiwwan marii walitti aananii fi dadhabsiisoon Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa gaggeessaa ture, adeemsa seenaa gara sadarkaa haaraatti ceesisaniiru. Injifannoon kun nagaa waaraa fi tokkummaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf tarkaanfii seenaa qabeessa fudhatameedha.Marii keessatti cabiinsi seenaa mariidhaan fayyee, garaagarummaanis wal kabajuudhaan kan itti laafe, carraan seenaa qabeessi uumameera.Naannoon siyaasaa waggoota dheeraaf walxaxiinsa siyaasaa humna qawwee fi dhangala’uu dhiigaan furuuf yaalamee ture keessatti, Itiyoophiyaanonni taa’anii, falmii fi marii bal’aa gaggeessuun waliigaltee waloo irra ga’uun akka danda’amu hojii irra oolchanii agarsiisaniiru.Milkaa’inni kun yaadama hayyoota saayinsii siyaasaa fi ijaarsa nagaa biratti ‘marii jechuun falmiidhaan nama biraa mo’uu osoo hin taane, wal dhaggeeffachuudhaan dhugaa waloo argachuudha” jedhu ifatti hojiin argisiiseera.Kun Itiyoophiyaanotaaf waan haaraa miti. Abbootiin keenya marii fi araaraan biyya kana kan nuuf tursiisan yoo ta’u, har’as ogummaa kanaan biyya keenya cimsuu dandeenyeera. Maanguddoonni waa’ee marii yeroo mammaakan, “Mana gorsaan dhaabbate bubbeen hin diigu” jedhu. Akkuma kana, bu’uura nagaa mariidhaan ijaarame salphaatti kan hin raafamne ta’uu mirkaneessineerra.Haalli kun qaamolee keessaa fi alaa, ji’oota darban keessa adeemsa Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa xiqqeessanii ilaalaa, “bu’aa hin fidu” jechuun abdii kutachiisaa fi uummata burjaajessuuf yaalaa turaniif deebii ifaa fi hin shakkisiisne kenneera.Itiyoophiyaan sirna dimokraasii ijaaruu fi nagaa keessaa uumuuf bu’uura kaa’atte irratti hundaa’uun, gidduu-seentummaan alaa akka ishee hin barbaachisne agarsiisuudhaan, “Furmaata rakkoo Afrikaanotaa kan kennan Afrikaanotadha” jedhuuf fakkeenya qabatamaa taateetti.Addunyaan yeroo ammaa waraanaa fi walitti bu’iinsa ji’oopoolitikaatiin jeeqamaa jirtu kanatti, hidhaan siyaasaa furmaata hin qabne akka hin jirre, furmaatichi afaan qawwee keessaa osoo hin taane marii sirnaawaa namootaa keessatti akka argamu agarsiisuudhaan, waraanni filannoo isa dhumaa akka hin taane mirkaneessiteetti.Kunis siyaasaan shira irratti hundaa’e xumuramaa jiraachuu isaa kan mirkaneessudha. Injifannoon seenaa qabeessi kun humnoota alaa Gaanfa Afrikaa marsaa haaraa waraanaa fi jeequmsaa keessa galchuuf qindaa’aniif ergaa gaddaa ta’eera.Itiyoophiyaan nagaa keessaa ishee mariidhaan yeroo cimsattu, ajandaaleen alaa naannicha gara jeequmsaatti galchuuf hojjetaman hundi fudhatama dhabanii akka fashalan mirkaneessiteetti.Itiyoophiyaan kana booda siyaasaa shiraa humnoota alaa irraa dhufuuf balbala hin bantu; ogummaa ilmaan isheetiin kan of bulchitu taati! Madaan seenaa dhiifamaan haguugameera; abdiin boruus mariidhaan jabaateera.Har’a jibbiinsi mo’ameera, qoqqoodinsi kufeera; Itiyoophiyaan garuu injifatteetti! Hayilayeesuus Mokonnin