Fayyadamummaa jiraattota magaalichaaf qajeelummaa fi amanamummaan hojjechaa jirra – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 20, 2018 (FMC) – Fayyadamummaa jiraattota magaalichaaf qajeelummaa fi amanamummaan hojjechaa jirra jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.Kantiibaa Adaanech Abeebeen bakka dhaabbii Konkolattootaa ammayyaa, tarminaalootaa fi giddugala gabaa (Gootaraa, Boolee, Eekkaa fi Qabbanaa) keessatti argaman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru.Kantiibaan Adaanech fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin ergaa dabarsaniin, bu’uuraaleen misoomaa kunneen yaa’insa tiraafikaa kan salphisu, sirna geejjibaa fooyyeessuuf, dhamaatii roobaa fi aduukeessa ummaata kan hir’isu, akkasumas carraa hojii hedduu uumuuf kan dandeessisanidha jedhan.Bu’uuraaleen misoomaa kunneen mijataa, qulqulluu fi kabaja namaaf kan malan ta’uu ibsaniiru. Akkasumas yeroo tokkotti konkolaattota hedduu keessummeessuu kan danda’an ta’uu kaasaniiru.Paarkiiwwan konkolaataa ammayyaa, tarminaaliiwwan taaksii fi awutoobusootaa, chaarjariiwwan konkolaataa elektirikii faalama qilleensaa hir’isan, iddoowwan bashannanaa uummataa bal’aa, manneen daldalaa, kaafteeriyaawwan, mana nyaataa, iddoowwan taphaa fi boqonnaa daa’immanii, iddoowwan mijataa imaltoonni itti eegan, teeknooloojiiwwan bulchiinsaa fi tikkeetii, liftiiwwan, mana fincaanii qulqulluu, akkasumas sirna nageenyaa fi ittisa balaa dursaa kan guuttatan ta’uu ibsaniiru. Bu’uuraaleen misoomaa kunneen tajaajila diinagdee fi hawaasummaa saffisaa fi mijataa taasisuuf gahee olaanaa qabaachuu Aadde Adaanech Abeebeen ibsaniiru.jijjiiramaan dura dandeettiin paarkii konkolaataa yeroo tokkotti keessummeessuu kuma 3 qofa kan ture yoo ta’u, tarminaaliin ammayyaa immoo hin jiru ture.Amma garuu paarkiiwwanii fi tarminaaliiwwan konkolaataa ammayyaa qulqullinaa fi saffisaan ijaaraman, dandeettii keessummeessuu kana gara kuma 100 fi kuma 70tti guddisuun danda’ameera jedhan.Aadde Adaanech, bulchiinsi magaalichaa jiraattota magaalaa Finfinnee fayyadamoo taasisuuf waadaa gale hojii qabatamaatti jijjiruun qajeelummaa fi amanamummaan hojjechaajiracahuu himaniiru.Finfinneen kana caalaatu isheef mala, Kanaafis gara fuulduraatti kan caala hojjechuuf ni carraaqna jedhan.Kantiibaa Adaanech Abeebeen milkaa’ina Pirojektoota kunneeniif qaamoleen gahee isaanii bahatan galateeffataniiru.#Oromia #Ethiopia