Imala milkaa’ina diiplomaasii Itiyoophiyaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 19, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan biyya seenaa hariiroo dippiloomaasii waggoota dheeraa qabdudha.Biyyoota addunyaa dhiyoo fi fagoo jiran akkasumas dhaabbilee idil-addunyaa waliin hariiroo alaa cimaa uumuu, faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuun har’arra geesseetti.Akka bara faranjootaa 1920moota keessa, yeroo biyyoonni Afrikaa biroon bittaa kolonii jalatti dararamaa turanitti, Itioophiyaan biyya miseensa Liigii Biyyoota Addunyaa ta’uu dandeessedha.Boodarras dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii hundeessuu keessatti biyya hirmaachuun seenaa boonsaa qabdudha. Kana malees Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa hundeessuu keessatti gahee adda durummaan hirmaachuun qooda olaanaa taphatteetti.Gahee ishee kanaanis teessoo dhaabbata guddaa ardichaa ta’uu dandeesseetti.Imaammanni hariiroo alaa meeshaa ijoo hariiroo addunyaa waliin qabnu ittiin qajeelchinu fi ittiin ilaaludha.Itiyoophiyaan imaammata walaba fi michoota horachuu irratti hundaa’e hordofti.Imaammata hariiroo alaa ishee wayita boccu, nageenya eegsisuu, diinagdee guddisuu akkasumas faayidaa biyyaalessaa fi birmadummaa ishee kabachiisuu ka’umsaafi galma godhatti.Addunyaan yeroo ammaa dorgommii cimaa kan biyyoonni guddatan fedhii isaanii wareen kaanitti fe’uuf taasisan keessatti argamti.Haalli kun biyyoota akka Itiyoophiyaa irratti dhiibbaa olaanaa geessisaa jira.Haala kana keessatti, Itiyoophiyaan faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiisuuf haala mijataa kan uuman hariiroofi tumsawwan dippiloomaasii gamlameefi gamhedduu gaggeessiti.Kanaanis, Itiyoophiyaan diploomaasii walaba ta’e, kan gara kamiif iyyuu hin loogne hordofti.Haaluma kanaan, Itiyoophiyaan dameewwan misoomaa, waraanaa, nageenyaa, misooma anniisaa, teeknooloojii fi dameewwan biroo irratti biyyoota adda addaa waliin waliigalteewwan gamlamee mallatteessiteetti.Kana malees, hariiroo biyyoota ollaa waliin qabduuf dursa kennuun, dhimmoota misoomaa, nageenyaa fi tasgabbii irratti xiyyeeffannoo addaa kennitee hojjechaa jirti.Dhimmoota waloo irratti irratti waliin hojjechuu, walitti hidhamiinsa diinagdee cimsuu, akkasumas nageenyaa fi tasgabbii naannawichaa irratti tumsa naannawaa cimsuuf kutannoon hojjechaa jirti.Beeteliheem Girmaan.#Oromia #Ethiopia