Atileet Yoomif Qajeelchaa simannaa kabajaan simatame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 18, 2018 (FMC) – Atileet Yoomiif Qajeelchaa Istaadiyeemii Riivart Pileet, ‘Eel Moonumentaal’ jedhamutti addatti simannaa kabajaan simatameera.Atileet Yoomif Qajeelchaan dorgommii walakkaa maaraatoonii Arjentiinaa, Bonas Aayirasitti gaggeeffame daqiiqaa 56 fi sekondii 51 keessatti xumuruun riikardii addunyaa haaraa galmeessiseera.Injifannoo kana hordofee, Yoomif Qajeelchaan yaadannoo hin dagatamne keessummeesseera.Kilabiin beekamaan Ameerikaa Kibbaa, Riivart Pileet, atileetii Itiyoophiyaa kana istaadiyeemii isaa guddaa ‘Eel Moonumentaal’ keessatti kabaja addaan simateera.#Oromia #Ethiopia