Finfinnee, Hagayya 18, 2018 (FMC) -Dhimmoota ijaarsa fi guddina diinagdee biyyattiif gahee murteessaa qaban keessaa tokko ijaarsa pirojektoota gurguddoo (meeggaa) ti.Itiyoophiyaanis rakkoolee dameewwan adda addaa keessatti mul’atan furuufi guddina diinagdee saffisiisuuf pirojektoota gurguddoo garaagaraa hojjechaa jirti.Mootummaan Ida’amuu, utubaawwan haaromsa diinagdee shan: dameewwan qonnaa, industirii, albuudaa, ICT, akkasumas turizimii milkaa’inaan hojiirra oolchuuf pirojektoota barbaachisan qopheessuun hojjechaa jira.Pirojeektoonni kunneen kanneen humnaafi anniisaa maddisiisan, bu’uuraalee misooma geejjibaa, misooma magaalaafi turizimii akkasumas qonnaafi industirii hammatanii dha.Pirojektiin Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa, kan dandeettii diinagdee biyyattii saffisiisuu fi xumuramee humna elektirikaa maddisiisuu eegaleera. Akkasumas pirojektiin humna ibsaa bishaanii Koyishaa, laga Oomoo irratti ijaaramaa jirus saffisa olaanaan hojjetamaa jira.Kana malees, pirojektoonni misooma koridariifi qarqara lageenii magaalaawwan miidhagoo fi jireenyaaf mijatoo taasisuun, yaa’insa tuuristootaa dabalaa jiru.Dabalataanis, pirojektoota Gorgoraa, Koyishaa, Ikoo-Turizimii Wancii, Arbaa Minciifi Paarkii Cabaraa Curcuraa dabalatee, misoomawwan Ikoo-turizimii hawwata turizimii biyyattii guddisan, bu’aa pirojektoota “Maaddiin Biyyaaf” fi “Maddiin Dhalootaaf” Mootummaan Ida’amuu hojjete keessaa isa ijoodha.Buufatni Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu waggaatti imaltoota miliyoona 100 fi miliyoona 10 tajaajiluu danda’u, Afrikaan wiirtuu geejjibaa addunyaa keessatti dorgomaa akka taatu kan dandeessisuu dha.Gama biraatiin, Itiyoophiyaan oomishtummaa indaastirii ishee guddisuuf Naannoo Somaalee, Godeetti pirojeektii warshaa xaa’oo ijaaraa jirti.Pirojeektiin kun waggaatti yuuriyaa meetirik toonii miliyoona 3 oomishuun baasii guddaa Itiyoophiyaan xaa’oo bitachuuf baaftu hir’isuuf gargaara.Dabalataanis, pirojeektoonni gaazii uumamaafi warshaan qulqulleessaa boba’aa Ogaadeen keessatti hojjetamaa jiran, itti fayyadama qabeenya uumamaa gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisanii dha.Pirojeektoonni Itiyoophiyaan ijaaraa jirtu kun faayidaan isaanii Itiyoophiyaaf qofa miti. Naannichaafis dhiyeessii humnaa dhaqqabamaa taasisuufi waliin misoomuuf carraa bal’aa uumu.Mootummaan Ida’amuu qabeenya, beekumsa, humna namaafi kaappitaala faca’anii jiran walitti qabuun karaa haaraa akka uumamuuf hojjechaa jira. Kanaafuu, pirojektoota hedduu haaraa jalqabsiisuufi kanneen jalqabamanis xumuruun bu’a qabeessa ta’aa jira.Pirojeektoonni gurguddoon kunneen dandeettii faayinaansii biyya keessaa sirnaan fayyadamuun, ogeessota biyya keessaa hirmaachisuufi qabeenya uumamaan badhaafamne walitti qindeessuun hojiirra oolaa jiru.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad akka jedhanitti, qormaata gara carraatti jijjiiruun, gaaffiiwwan misoomaa uummataa sadarkaa sadarkaan deebisuufi pirojektoota gurguddoo jalqabaman qulqullinaafi saffisaan xumuruun eebbaaf akka ga’an gochuuf kutannoon jiru jajjabeessaa dha.Kanaafuu, pirojektoota diinagdee biyyaa ijaaruufi jireenya ammayyaaaf bu’uura ta’an kanneen galmaan ga’uuf tumsaa fi kutannoo mootummaa qofa osoo hin taane, lammiileen dammaqiaan hirmaachuunis murteessaa dha.Beetaliheem Girmaan#Oromia #Ethiopia