Yaa’iin Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Naannawaa Afrikaa 76ffaan Finfinneetti gaggeeffamuu eegale

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 19, 2018 (FMC)- Yaa’iin Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Naannawaa Afrikaa 76ffaan Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamuu eegaleera.Sirna baniinsa yaa’ichaarratti Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee, Ministira Fayyaa Dooktar Maqds Dhaabaa fi Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammad Alii Yusuuf argamaniiru.Waltajjicharratti Ministiroonni Fayyaa biyyoota Afrikaa 40 ol, bakka buutonni Dhaabbata Fayyaa Addunyaafi dhaabbilee idil-addunyaa biroon akkasumas qorattoonni fi qooda fudhattoonni garaagaraa hirmaachaa jiru.Yaa’iin kun har’a irraa eegalee hanga Hagayya 22, 2018’tti kan gaggeeffamu yoo ta’u, imala damee fayyaa Itiyoophiyaa mul’isuuf ni gargaara jedheetu amanama.Zaman Bayyanaatu gabaase.#Oromia #Ethiopia