Mariin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa dandeettii Afrikaa dhimma ofii ofiin murteeffachuu agarsiiseedha – Uhuruu Keeniyaataa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 16, 2018 (FMC) -Pirezidaantiin duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataa, Mariin Biyyaalessaa Itiyoophiyaan milkaa’inaan gaggeessite dandeettii Afrikaan dhimma ishee ofiin murteeffachuu agarsiiseedha jedhan.Sagantaan Cufiinsaa Yaa’ii Marii Biyyaalessaa gaggeeffamaa jira..Uhuuruu Keeniyaataa wayita kana haasawaa taasisaniin, adeemsa marichaa yeroo dheeraaf hordofaa turuu fi adeemsi isaa kan nama ajaa’ibsiisu ta’uu ibsaniiru.Adeemsi marichaa milkaa’inaan xumuramuu isaatiin, uummata Itiyoophiyaa hundaaf ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.Afrikaan karoora gurguddaa karoorsituu fi egeree ishee ofiin murteeffachuu dandeettii akka qabdu kan ibsan Uhuru Keeniyaataa, adeemsi marii Itiyoophiyaan milkaa’aan gaggeessitees ragaadha jedhan.Marichi Itiyoophiyaanonni hundi garaagarummaa seenaa isaanii furuuf gahee isaanii itto bahatan milkaa’ina miliyoonotaati jechuun ibsaniiru.Itiyoophiyaanonni akka warqee ibiddaan qoramanii kan darban uummata jaboo fi cimoo ta’uu ibsaniiru.Itiyoophiyaan biyya rakkooleef hin jilbeeffanne, biyya cimtuu fi Afrikaanotaaf fakkeenya ta’uu ishees eeraniiru.Yeroo biyyoonni Afrikaa hedduun kolonii biyyoota lixaa jala turanitti, Itiyoophiyaan injifannoo Adwaa irratti weerartuu diinaa tokkummaan mo’achuun, Afrikaaf kabaja argamsiisuu ishee Uhuuruu Keeniyaataan yaadachiisaniiru.Abeel Niwaayiin