Finfinnee, Onkololeessa 10, 2019 (FMC) –Itiyoophiyaan biyya oomisha bunaan seenaa dheeraa qabdu, akkasumas biyya argama bunaati.Bunni, bifa Itiyoophiyaan addunyaa irratti ittiin mul’attu dha.Itiyoophiyaan lafa magariisaa ishee irraa oomishtee addunyaaf kennaa dhandhamaa dinqisiisaa laattedha.Bunni Itiyoophiyaa keessatti dhugaatii qofa osoo hin taane, aadaa, duudhaa, tokkummaa hawaasaa fi eenyummaa saba keenyaa wajjin walitti hidhata cimaa qaba.Yeroo ayyaanaa, cidhaa, yeroo gadda, walga’ii maatii fi yeroo keessummoonni dhufan buna dhiyeessuun mallattoo kabajaa fi jaalalaati.Bunni bosona Itiyoophiyaa keessatti uumamaan biqilu, seenaa dheeraa qaba.Ummanni firii bunaa walitti qabuu, qopheessuu fi itti fayyadamuun yeroo dheeraa dabarseera.Sababa kanaan bunni Itiyoophiyaa qabeenya uumamaa qofa osoo hin taane, mallattoo eenyummaa, aadaa, tokkummaa fi dinagdee biyyaati.Bunni bosonawwan lalisoo Itiyoophiyaa keessaa ka’ee, maaddii addunyaa miidhagsaa jiru, har’as utubaa dinagdee fi mallattoo aadaa biyya keenyaa ta’ee itti fufeera.Bunni oomishaalee qonnaa sadarkaa idil addunyaa keessaa isa tokkoodha.Biyyoonni hedduun sharafa alaa kan argatan Buna alatti eerguuni.Ragaan ‘MG Coffee Export’, akka agarsiisutti, gabaa idil addunyaarratti Bunni waggaa waggaan Doolaara Ameerikaa biiliyoona 40 olitti gurgurama.Biraaziil addunyaa irratti biyya bunaa oomishuu fi alatti erguun sadarkaa 1ffaa irra argamtu yoo taatu, gabaa al-ergii bunaa addunyaa keessaa %35 kan isheeti.Itiyoophiyaan dorgotummaa oomisha bunaa ishee guddisuuf, akkasumas qaqqabummaa gabaa babal’isuuf, tarsiimoo garaagaraa qopheessuun hojjechaa turteetti.Uwwisa gabaa buna Itiyoophiyaa sadarkaa idil addunyaatti guddisuuf oomishaa fi qulqullina Bunaarratti xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira.Itiyoophiyaan Afrikaarraa al ergii Bunaan sadarkaa duraarratti kan argamtu yoo taatu, yeroo ammaas gabaan Buna Itiyoophiyaan daran guddataa dhufeera.Yeroo ammaa Bunni Itiyoophiyaa biyyoota 84 oliif dhiyaachaa jira.Itiyoophiyaan xiyyeeffannoo oomishaa fi qulqullina Bunaaf kenniteen bara baajataa kana galii alaa olaanaa oomisha Bunaarraa argachuu dandeesserti.Bara 2018tti Itiyoophiyaan buna gabaa alaatti ergitu irraa galii doolaara biiliyoona 3.1 kan argatte yoo ta’u, galiin kun galii waliigalaa waggoota 17 darban keessatti argatte doolaara biiliyoona 3.3 waliin kan walitti dhiyaatuudha.Haa ta’uutii buna dheedhii waan alatti ergituuf, faayidaa guutuu gabaa bunaa irraa argachaa hin jirtu.Faallaa kanaan biyyoonni Awurooppaa kanneen akka Jarmanii fi Siwiizarlaandi buna alaa galchuun sona itti dabaluun daabisanii gabaaf dhiyeessuun galii olaanaa argachaa jiraachuu Ragaan Daldala Idil Addunyaarraa argame ni mul’isa.Bara 2019 baatii Fulbaana keessa Bunni Gujii kiiloo giraamiin tokko doolaara Ameerikaa kuma 2 fi 376.5 n, jechuunis gatii jijjiirraa yeroo sanaatti tilmaamaan Birrii kuma 300 fi kuma 82 fi 616.5 tti gurguramuun seenaa buna Itiyoophiyaa keessatti sadarkaa gatii olaanaa galmeesseera.Kanaaf ammas bu’aa caalu argachuuf Oomisha Bunaarratti sona dabaluun cimee itti fufuu qaba.Bunni kennaa uumamni Itiyoophiyaa badhaafte, warqee magariisaa, lafee dugdaa diinagdee Itiyoophiyaati.Siifan Magarsaatiin#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa