Finfinnee, Onkoloolessa 14, 2019 (FMC) — Naannawa Tigraayitti badiin dhaabbilee mootummaa irra ga’e gochaalee fi eenyummaa garee seeraan alaa ABUT kan saaxile ta’uu Itti Gaafatamaan Olaanaan Bulchiinsa Imaanaa Naannawa Tigraay, Damee Bulchiinsaa fi Tajaajila Ummataa Obbo Asaffaa Abrahaa ibsan.Bulchiinsi Imaanaa Naannawa Tigraay daayirektaroota biiroolee naannawichaa waliin marii gaggeesseera.Waltajjii marii kanarratti waa’ee amala, gahee fi hojiiwwan Bulchiinsa Imaanaa bal’inaan ibsi dhiyaachuun mariin irratti gaggeeffameera.Obbo Asaffaa Abrahaa yeroo kanatti akka jedhanitti, keessumaa waajjira bulchiinsa naannichaa dabalatee dhaabbilee mootummaa irratti badiin qaqqabe gochaalee fi eenyummaa garee seeraan alaa ABUT saaxileera.Hojjettoonni mootummaa gara hojii isaaniitti akka deebi’an waamicha kan dhiyeessan Obbo Aseffaa Abrahaa, mindaa hojjettoota mootummaa hatattamaan kaffaluuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.Daayirektaroonni biiroolee garaagaraa 25 irraa bakka bu’uun marii irratti hirmaatan gama isaaniin gara hojii isaaniitti deebi’uuf qophii ta’uu ibsaniiru. Haa ta’u malee, guutummaatti hojii isaanii eegaluuf galteewwan barbaachisan saffisaan akka guutaman gaafachuun isaanii ibsameera.Hojjettoonni mootummaa Wiixata, Onkoloolessa 16, 2019 irraa eegalee gara hojii isaanii idileetti akka deebi’anis waamichi dhiyaateera.Gizaachoo Girmaayeen#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa