Komiishinii Humna Niwukileeraa Itoophiyaa daawwadheera. Dhaabbanni kun mul’ata misoomaa Itoophiyaa yeroo dheeraaf faayidaa tarsiimowaa olaanaa qaba. Itoophiyaan humnashee kuufamaa olaanaa ta’eefi qabeenyaashee uumamaa irraa-hafaa ta’een baroota dheeraaf kan beekamtudha. Boqonnaan haaraan immoo qabeenyaawwan kanneen gara misooma qabatamaa, guddina teknooloojiifi gara badhaadhina walootti jijjiiruu irratti xiyyeeffata. Dhiyeessiin anniisaa amansiisaafi waaraa ta’e indaastriif, warshaalee homishaniif, misooma bu’uraa dijitaalaaf akkasumas cehumsa dinagdee waliigalaatiif shoora wiirtuu qaba. Teknooloojiin niwukileeraa ammoo wabii anniisaa cimsuudhaan fedhii dafee dabalaa deemu guutuuf carraa guddaa kan uumu ta’uusaarraayyuu homisha anniisaa irra taree dameewwan qonnaa, indaastriifi eegumsa naannoo irratti misooma biyyoolessaafi ijaarsa humna teknooloojiitiin gumaacha bu’uraa qaba. Komiishiniin Humna Niwukileeraa Itoophiyaa bu’urawwan dhabbattummaafi teekniikaa barbaachisaa ta’an kaa’uudhaan mul’ata kana milkeessuuf shoora tarsiimowaa qaba. Humna namaa gahumsa qabu horachuu, qorannoo saayinsaawaa babal’isuufi beekumsa dhaabbatichaa dhaloota itti aanuuf dabarsuun hojiiwwan murteessoodha. kunis humna biyyoolessaafi gahumsa ogummaa addaa gabbisuudhaan misoomni humna niwuukileeraa haala naga qabeessaafi nageenyisaa eegameen, karaa amansiisaafi waaraa ta’een miira ittigaafatamummaatiin akka gabbatu taasisa.