Komishinichi mul’ata misoomaa Itiyoophiyaa milkeessuuf qooda olaanaa qaba- Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 11, 2019 (FMC) — Komishiniin Anniisaa Niwukilaraa Itiyoophiyaa mul’ata misoomaa biyyattii milkeessuuf qooda olaanaa qaba jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad. Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Komiishinii Anniisaa Niwukileeraa Itiyoophiyaa daawwachuu ibsaniiru. Dhaabbanni kun mul’ata misoomaa Itiyoophiyaa yeroo dheeraaf faayidaa tarsiimowaa olaanaa qaba jedhaniiru.  Itiyoophiyaan humnashee kuufamaa olaanaa ta’eefi qabeenyaashee uumamaa irraa-hafaa ta’een baroota dheeraaf kan beekamtu ta’uus eeraniiru. Boqonnaa haaraan immoo qabeenyaawwan kanneen gara misooma qabatamaa, guddina teeknooloojiifi gara badhaadhina walootti jijjiiruu irratti xiyyeeffata jedhan ergaa isaaniin.  Dhiyeessiin anniisaa amansiisaafi waaraa ta’e indaastiriif, warshaalee oomishaaf, misooma bu’uuraa diijitaalaaf akkasumas cehumsa dinagdee waliigalaatiif shoora guddaa qabaachuu kaasaniiru.  Teeknooloojiin niwukileeraa ammoo wabii anniisaa cimsuudhaan fedhii saffisaan dabalaa deemu guutuuf carraa guddaa kan uumu ta’uusaarraayyuu oomisha anniisaa irra taree dameewwan qonnaa, indaastriifi eegumsa naannoo irratti misooma biyyaalessaafi ijaarsa humna teeknooloojiitiin gumaacha bu’uraa qaba.  Komiishiniin Anniisaa Niwukileeraa Itiyoophiyaa bu’urawwan dhabbattummaafi teekniikaa barbaachisaa ta’an kaa’uudhaan mul’ata kana milkeessuuf shoora tarsiimowaa qabaachuu ibsaniiru.  Humna namaa gahumsa qabu horachuu, qorannoo saayinsaawaa babal’isuufi beekumsa dhaabbatichaa dhaloota itti aanuuf dabarsuun hojiiwwan murteessoodhas jedhan.  Kunis humna biyyaalessaafi gahumsa ogummaa addaa gabbisuudhaan misoomni humna niwuukileeraa haala naga qabeessaafi nageenyisaa eegameen, karaa amansiisaafi waaraa ta’een miira ittigaafatamummaatiin akka gabbatu taasisa jechuun ibsaniiru. #Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa