Ibsi Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Kennan Eenyummaa Garee Seeraan Alaa ABUT Kan Saaxileedha – Jiraattota Magaalaa Maqalee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 10, 2019 (FMC) – Ibsi Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad kennan eenyummaa garee seeraan alaa ABUT kan saaxile ta’uu jiraattonni Magaalaa Maqalee ibsan.Jiraataan Magaalaa Maqalee Gabirahiywat Hiluuf jedhamu, ergaan Ministirri Muummee kaleessa galgala Afaan Tigireen dabarsan waan ummanni Tigraay barbaaduu fi fudhatu ta’uu ibseera.ABUT dargaggoonni mirga dimokiraasummaa isaanii akka hin fayyadamne dhorke, akkasumas ummanni Tigraay hiyyummaa fi boodatti hafummaa keessatti akka hafu tgochuu dubbataniiru.Jiraataan Magaalaa Maqalee kan biraan Mahaarii Yisfaah gama isaan, gareen kun namoota ofii qofa walitti dhufeenya faayidaa irratti hundaa’een gurmeessuun maallaqa saamaa kan ture malee, ummata Tigraayiif misooma fiduu akka hin dandeenye ibseera. Gareen seeraan alaa kun akkuma Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsan, yaadaa fi ilaalchaan ummata Tigraayiin kan wal hin simne ta’uu dubbataniiru.Jiraattuun Magaalaa Maqalee Gennat Dassaaleeny gama isheetn, gareen kun dargaggoota Tigraay du’a, beelaa fi godaansaaf saaxiluu ibsiteetti.garichi “Ummanni Tigraayii fi ABUT tokko” jechuun dargaggoonni ilaalcha siyaasaa biraa akka hin qabaannetti dhorkuus himteetti. Haaluma kanaan, naannichatti bakka bu’aa siyaasaa tokkicha ta’ee socho’aa ture jette. Ummanni Tigraay diina qaba jechuun oduu sobaa babal’isuun ummanni Tigraay ummatoota obbolaasaa biroo waliin akka walitti bu’uu fi wal shakku taasisaa turuu hubachiisteetti.Kanaafuu, gaaffii fi deebii fi ibsi Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Afaan Tigireen kennan waan ummanni Tigraay guutuun fudhatu ta’uu dubbatteetti.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa