Bu’uura Dinagdee Itiyoophiyaa: Indaastirii Oomishaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 11, 2019 (FMC) – Ce’uumsi dinagdee waaraan kan dhugoomu omishtummaafi guddina indaastirii irratti hundaa’eeti.Itioophiyaanis guddina hunda galeessa mirkaneessuuf bu’uura kan godhatte dandeettii omishtummaa keessoo isheeti.Itiyoophiyaan waggoota darban keessatti sektara indaastirii keessatti hojii haaromsa bal’aa taasisuun dandeettii omishaa dhaabbilee indaastirii guddisuu irratti jijjiirama qabatamaa galmeessiteetti.Falaasamni Ida’amuu humna biyya keessaa qindeessuun, milkaa’inoota darban itti fufsiisuun, dogoggora mudatan sirreessuun guddina diinagdee guutuu fi waaraa fiduu irratti kan xiyyeeffatedha.Akka yaadama kanaatti, dameewwan ce’umsa diinagdee biyya tokkoof murteessoo ta’an keessaa indaastiriin omishaa isa ijoodha.Muuxannoon guddaan Mootummaan Ida’amuu damee omishaa irratti beeksise, sochii biyyaalessaa “Itiyoophiyaan haa Oomishtu” jedhuu dha.Dinagdee biyya tokkootiif dameen indaastirii omishtummaa shoora guddaa taphata.Itiyoophiyaan hanqina dinagdee ishee furuuf, bu’uura oomishtummaa biyya keessaa cimsuu fi gabaa alaatiif dorgomaa ta’uudhaaf fuulleffattee hojjechaa jirti.Sosochiin “Itioophiyaan Haa Omishtuu” bara 2014tti) kan eegalame yoo ta’u, kaayyoon isaa rakkoowwan damee omishtummaa mudatan furuu fi indaastirii dorgomaa ta’e ijaaruudha.Sochiin kun gufuuwwan damee indaastirii adda baasuun, qaamolee dhimmi ilaallatu qindeessee bu’aawwan hedduu galmeessiseera.Omishaalee huccuu fi uffataa, simintoo, sibiilaa, nyaataa fi dhugaatii akkasumas qorichaa, kanaan dura baasii sharafa alaa olaanaan biyya alaa irraa kan galan, humna biyya keessaa cimsuun biyya keessatti akka oomishaman godheera.Yaadama Ida’amuutiin, indaastiriiwwan bittinnaa’an ijaaruu irra, giddugala tajaajilaa fooyya’aa fi bu’uuraalee misoomaa qaban keessatti, paarkota indaastirii fi zoonota dinagdee addaa qindeessuun xiyyeeffannoo addaa argateera.Paarkonni indaastirii invastimantii alaa hawwachuun, dabarsa teeknooloojii fiduu fi oomishaalee gara gabaa idil-addunyaatti ergaman baay’isuun galii sharafa alaa guddisaa jiru.Qonna indaastirii waliin walitti hidhuuf paarkiiwwan agro-indaastirii walitti hidhamiinsa uumuuf ijaaramanitti fayyadamuun, oomishaalee qonnaa biyya keessaa irratti sonni dabalamee gabaa biyya keessaa fi alaa akka dhiyaatan taasifameera.Hojiiwwan Mootummaa Ida’amuutiin hojjetaman, dameen omishaa Itiyoophiyaa meeshaalee dheedhii qofa dhiyeessuu irraa gara omishaalee sona dabalataa qaban dhiyeessuutti ce’uuf bu’uura kaa’aniiru.Indaastiriin omishaa imala guddinaa fi ce’umsaa itti fufsiisuun carraaqqii badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf taasifamu milkeessuuf gahee olaanaa qabaata.Hojiilee qorannoo, deeggarsaafi haaromsa gaggeeffamaniin, dandeettiin omishaa waliigalaa indaastirii %47 irraa gara %67tti guddachuu danda’eera.Misooma dinagdee waaraa argamsiisuufis sosochii kana itti fufsiisuun fi omishtoota biyya keessaa deeggaruun dhimma murteessaadha.Ce’umsi Indaastirii Itiyoophiyaa fedhii guddina diinagdee lakkoofsaan ibsuu caalaa birmadummaa biyyaalessaa waaraan mirkaneessuuf bu’uura ijoodha.Siifan Magarsaatiin#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa