Afrikaanonni Tumsa Faayidaa Ummataa Eegu Uumuu Qabu — Pirezidaant Ivaariistee Nidaayishimiyee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 14, 2019 (FMC) — Afrikaanonni tumsa faayidaa ummataa eegu uumuu akka qaban Pirezidaantiin Rippaabiliika Burundii fi Walitti Qabaan Gamtaa Afrikaa ammaa Ivaariistee Nidaayishimiyee hubachiisan.Fooramiin 12ffaa Xaanaa mata duree “Daandii nageenyaa Afriikaa: birmadummaa dinagdee fi jijjiirama ji’oopoolitikaa” jedhuun magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffamaa jira.Pirezidaantiin Rippaabiliika Burundii fi Walitti Qabaan Gamtaa Afrikaa kan ammaa Ivaariistee Nidaayishimiyee, qabeenya ardichaa misoomsuun nageenyaa fi fayyaa lammiilee gama hundaan mirkaneessuuf guddina waloo ijaaruu qabna jedhan.Afrikaan ardii qabeenya bal’aa qabdu ta’uu ibsuun, qabeenya ishee walitti bu’iinsa irra nageenyaa fi misoomaaf oolchuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.Nageenyi waaraa fi misoomni itti fufiinsa qabu akka mirkanaa’uuf dargaggoonnii fi dubartoonni marii keessatti hirmaannaa gahaa akka qabaatan gochuun barbaachisaa ta’uus dubbataniiru.Addunyaan gara qoqqoodama cimaatti ce’aa jiraachuu ibsuun, haalli kun Afrikaanota gidduutti qoqqoodinsi akka hin uumamneef tokkummaan dhaabbachuun sagalee tokkoon dubbachuu akka qaban hubachiisaniiru.Kanaafis Afrikaanonni tumsa faayidaa ummataa eegu uumuu akka qaban, akkasumas dhimma Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii ilaalchisee ejjennoo tokko qabaachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa