Faayidaa Talbaan Fayyaa namaaf qabu

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2019 (FMC) –Talbaan midhaan Zayitaa keessaa isa tokko yoo ta’u, kutaalee Itiyoophiyaa garagaaraatti baay’inaan ni oomishama.Talbaan sanyii zayitaa addunyaa guutuutti argamu keessaa isa tokkoodha.Talbaan qabeenya uumamaa faayidaa hedduu qabuudha.Bara durii eegalee hawaasni ijji talbaa fayyaa namaaf faayidaa qaba jechuun itti fayyadamaa ture.Talbaan bifa dhugaatii, cuubaa, Zayitaa fi kanneen biroon kurfeeffamee nyaatama.Saayintistoonni Talbaa qorachuun gosa midhaanii kan haalaan barbaachisu “super food” keessatti ramadamanii jiru.Talbaan qabiyyeewwan akka Kaaloorii, Pirootinii, Kaarbohayidireetii, Faayibarii, Cooma, Oomeegaa 3, Vaayitaaminoota B1 fi B6, Fooleetii, Kaalshiyeemii, Ayiranii fi Maaginiziiyeemiin kan badhaadheedha.Keessattuu qabiyyee Oomeegaa 3 faatii Asiidii fi Faayibariin badhaadhaa ta’uun isaa filatamaa isa taasisa.Vaayitaaminootaa fi Albuudoota fayyaa namaaf akkaan barbaachisoo ta’an of keessaa qaba.Qabiyyeen keemikaalaa kan uumamaan Talbaa keessatti argaman kunneen:-Onnee fayyisuuf, dhukkuba kaansarii ittisuuf, akkasumas, dhiibbaa dhiigaa gadi buusuuf ni gargaaru.Ijji talbaa dandeettii dhiiga qulqulleessuu fi dhibeewwan akka dhibee dhiigaa fi tiruu ittisuuf fayyada.Addatti ammoo kaansarii harmaa fi dhukkuba hoormoonii waliin walqabatu hir’isuu keessatti gahee guddaa qaba.Hamma kolistiroolii dhiiga keessatti argamu too’aachuun xuraawwaan hidda dhiigaa keessatti akka hin uumamne dhoorka.Kanaanis dhibee onneef sababa kan ta’u ‘Atherosclerosis’ ittisa.Qorannoon yeroo adda addaatti taasifame akka agarsiisutti namoonni dhibee kaansariwwaan harmaa, piroosteetii fi mari’imaanii qabaman qoricha fudhatan cinaatti talbaa nyaata isaanii keessatti yoo fayyadaman uumriin turuu danda’u.Talbaan hamma sukkaaraa dhiiga keessatti argamu too’achuun warra dhukkuba sukkaraa qaban ni gargaara.Talbaan albuudoota fi viitaminoota Gogaa fi Rifeensaaf barbaachisaa ta’an of keessa qaba.Talbaan garaa fi mari’imaan waan qulqulleesuuf saamuunaa mari’imaanii jedhamuun waamama.Kanaaf nyaata talbaa fayyadamuun dhibee garaachaa qolachuu keessatti gahee olaanaa qaba.Gadameessa qulqulleessuun wayita marsaa laguu dhukkubbii gahuu malu ittisuu keessatti qooda qaba.Talbaa dheedhii fayyadamuu caalaa daakuu yookaa zayitaa isaatti fayyadamuun gaariidha jedhu Ogeeyyiin yaala fayyaa.Akka ragaan Barruu ‘Healthline’ irraa argame mul’isuttiTalbaa daakamaan fallaanni tokko yookaa girmaani 7:- Kaaloorii 37, Kaarbohayidireetii giraama 2. Cooma Giraama 3, Faayibarii Giraama 2, Pirootiinii giraama 1 of keessaa qaba.Kanaaf Talbaan keessaa fi ala qaama namaaf nyaata akkaan murteessadha.Yaadachiisa Talbaan nyaata fayyaa qabu malee qoricha dhukkuba hunda fayyisu miti.Talbaan faayibarii hedduu fudhachuun garaacha keessatti rakkoo uumuu waan danda’uuf namni talbaa fayyadamu bishaan gahaa irraan dhuguu qaba.Siifan Magarsaatiin#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa