Bulchiinsi Imaanaa Mootummaa Federaalaa Naannoo Tigraay Jiraattota Magaalaa Maqalee Waliin Mari’ate

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 10, 2019 (FMC) — Bulchiinsi Imaanaa Mootummaa Federaalaa Naannoo Tigraay jiraattota Magaalaa Maqalee waliin haala yeroo naannichaa irratti marii gaggeesseera. Kaayyoon marii kanaa haala yeroo naannichaa irratti ummata waliin mari’achuu fi qaamolee hawaasaa garaagaraa hirmaachisuun yaada wal jijjiiruu ta’uun ibsameera. Bulchiinsi Imaanaa Mootummaa Federaalaa Naannoo Tigraay kan mari’ate jaarsolii biyyaa, dargaggootaa fi abbootii amantii waliin ture. Manni Maree Federeeshinii Rippabiliika Diimookiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa Heera Mootummaa keewwata 62, keewwata xiqqaa 9 fi Labsii Lakkoofsa 359/1995, keewwata 14, keewwata xiqqaa 2(b) bu’uureffachuun Bulchiinsi Imaanaa Naannoo Tigraay akka hundeeffamu murteessuun, aangoon Mana Maree Ministirootaaf kennamuu fi murtiin kun hojiirra ooluun isaa ni yaadatama.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #Mul’ataGuddaa