Guddummaa keenya addunyaatti agarsiisuu qabna- Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 11, 2019 (FMC)- Nuti uummata guddaadha; guddummaa keenya addunyaatti agarsiisuu qabna jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad. Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad guyyaa har’aa Komishinii Anniisaa Niwukilaraa Itiyoophiyaa daawwataniiru. Dooktar Abiy Ahimad wayita kana, ijoollee keenyaaf bu’uura amansiisaa kaa’uun Itiyoophiyaa dameewwan gara fuulduraatti addunyaan ittiin dorgomu niwukilarii, hawaafi hubannoo namtolcheef qopheessuun barbaachisaadha jedhaniiru. Hojii kanaaf iddoowwan 30 ol ogeeyyiin qoratamuu fi dhaabbileen alaa bu’aa qabeessummaa iddoowwan kanneenii mirkaneessuu eeranii, yeroo ammaa dippaartimantiiwwan adda bahuun gahumsa pirojektii hojjechuu dandeessisu irratti argamna jechuun ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyya guddoofi uummata guddaa qabdu ta’uu kaasanii, kanas addunyaatti agarsiisuu qabna jedhaniiru. Biyyi barattoota miiliyoona 30 qabdu har’a hiyyeettii taatus waggaa 10 har’aa ijoolleen ishee qabeenya uumamaa qabdu baasanii qabeenya guddaa akka uuman eeraniiru. Ijoollee keenyaaf nuti jalqabneefi qopheessine isaan ammoo itti dabaluun badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessu jedhaniiru. Tigist Gizaachoon. #Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa