Obbo Getaachoo Raddaa Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Mootummoota Gamtoomanii Waliin Mari’atan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 11, 2019 (FMC) — Gorsaan Dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee , Obbo Getaachoo Raddaa, Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Mootummoota Gamtoomanii , Ambaasaaddar Guwaang Koong waliin mari’ataniiru. Obbo Getaachoon fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti akka ibsanitti, mariin isaanii irra caalaa walitti bu’iinsa Sudaan keessatti uumame, filannoo dhufu Sudaan Kibbaa fi Somaaliyaa keessatti gaggeeffamu, akkasumas haala yeroo naannoo Tigraay irratti kan xiyyeeffate ture. Yeroo kanatti Obbo Getaachoon haala yeroo naannoo Tigraa ilaalchisee Ambaasaaddar Guwaang Koongiif ibsa kan kennan yoo ta’u, Mootummoonni Gamtoomanii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay haaraa hundaa’eef haala deeggarsa kennuu danda’u irratti mari’ataniiru. Naannoo Tigraay keessatti tattaaffiiwwan deebisanii dhaabuu cimsuu, dhiyeessii deeggarsa namoomaa saffisiisuu fi lammiilee qe’ee isaanii irraa buqqa’an gara iddoowwan jireenya isaanii duraaniitti deebisuun haala itti danda’amurratti mari’achuu isaaniis ibsaniiru. Kana malees, sochiiwwan mootummaa Asmaraa naannichatti, keessumaa nageenyi biyyaalessaa fi birmadummaan Itiyoophiyaa yaaddoo keessa akka seenu gochaa jiraachuu, hawaasni idil-addunyaa hubannoo akka qabaatuuf ergamaa addichaaf ibsuu isaanii dubbataniiru. Ambaasaaddar Koong gama isaaniin, dhaabbanni isaanii tattaaffiiwwan nageenyaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuuf taasifaman keessatti gahee hiika qabu akka taphatuuf hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa