Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Komishinaroota Komishinii Maree Biyyaalessaatiif Sagantaa Beekamtii fi Galateeffannaa Geggeesse

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 12, 2019 (FMC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa, Komishinarootaa fi hojjettoota Komishinii Maree Biyyaalessaa mariin biyyaalessaa milkaa’inaan akka xumuramuuf gumaacha olaanaa taasisaniif beekamtii kennuun galateeffateera.Saganticharratti kan argaman Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Ahimad Shidee, komishinarootaa fi hojjettoota komishinichaa waggoota afran darbanitti itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaanii gahumsaan bahataniif waraqaa ragaa beekamtii fi galateeffannaa kennaniiru.Af-yaa’ichi ergaa saganticharratti dabarsaniin, mariin biyyaalessaa waltajjii seena qabeessa Itiyoophiyaanonni waggoota dheeraaf irratti walii galuu dadhabanii fi sababoota walitti bu’iinsaa fi wal-dhabdee dhalootarraa dhalootatti ce’anii turaniif furmaatni waaraa kan itti akeekame ta’uu ibsaniiru.Adeemsa marii biyyaalessaatiin yaadonni murtoo irratti gorfaman, kutaalee hawaasaa garaagaraa irraa walitti qabamanii fi adda baafaman sirnaan hojiirra akka oolanis Manni Marichaa hordoffii fi deeggarsa barbaachisaa akka taasisu mirkaneessaniiru.#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa