Naannoo Tigraayitti Tajaajiloota Addaan Citanii Turan Deebisanii Eegalchiisuuf Qindoominaan Hojjetamaa Jira

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 12, 2019 (FMC) — Naannoo Tigraayitti tajaajiloota addaan citan deebisanii eegalchiisuuf bulchiinsi Imaanaa naannichaa Mootummaa Federaalaa fi ummata waliin qindoominaan hojjechaa jira.Raawwachiisaa Olaanaan Dhimma Diinagdee fi Deebisanii Ijaaruu Bulchiinsa Imaanaa Naannoo Tigraay Dooktar Tewodiroos Aragaay, naannichatti tajaajiloota hir’atan deebisanii dhaabuuf carraaqqiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.Bulchiinsi yeroo naannichaa hojii erga jalqabee as nageenyaa fi tasgabbiin akka mirkanaa’uuf hojii tasgabbeessuu hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.Kana malees, tajaajiloonni addaan citan akka deebi’anii jalqaban taasisuuf ummataa fi Mootummaa Federaalaa waliin hojiiwwan garaagaraa hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.Dooktar Tewodiroos Aragaay, hawaasa waliin mari’achuun nageenyi akka eegamuuf hojjechaa iraachuu ibsuun, tajaajilli baruu fi barsiisuu akka deebi’uuf qophiiwwan dursaa taasifamaa jiraachuu himaniiru.Yeroo ammaa daldala dabalatee tajaajiloonni garaagaraa sochii jalqabuu dubbataniiru.Ummanni naannichaa nageenya kan barbaadu ta’uu ibsuun, kan nama gaddisiisu garuu ummanni kun rakkina hedduu keessa akka darbu dirqamuu eeraniiru.Wantoota hir’atan guutuuf hawaasaa fi Mootummaa Federaalaa waliin ta’uun hojjetamaa jiraachuu kan ibsan Dooktar Tewodiroos, hawaasni bulchiinsa Imaanaa naannichaa cinaa dhaabbachuun gahee isaa bahachaa jiraachuu hubachiisaniiru.Biiroowwan tajaajila bulchiinsaa kennan ta’e jedhamee akka mancaafaman taasifamuu isaanii eeruun, suphaa isaanii wajjin tajaajila kennuun akka danda’amuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaaTigist Gizaachoon