Tumsa Poolisii Federaalaa fi Interpooliin qabamee gara biyyaatti kan deebifameAdnaw Baashaawu Ministeera Haqaatti Dabarame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 12, 2019 (FMC) – Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Interpoolii, ROCK fi Poolisii Maalaawii waliin qindoominaan hojjechuun, yakka namoota seeraan alaa daangaa ceesisuun kan shakkamuun qabamee gara biyyaatti kan deebi’e Adnaw Baashaawu Wuddaamoo fi waa’ila isaa Taammiraat Erdaaddoo Molooroo irratti qorannoo xumuruun galmee isaanii Abbaa Alangaa Waliigalaa Ministeera Haqaaf dabarseera.Akka bal’ina galmee himannaa dhiyaateetti, himatamtoonni namoota Itiyoophiyaa irraa kaasee hanga Afrikaa Kibbaatti karaa seeraan alaa daangaa ceesisuuf garee yakkaa gurmaa’e hundeessuun, hojii kana keessatti gahee olaanaa qabaatanii socho’aa turaniiru.Qorannoon Poolisii akka agarsiisutti, himatamtoonni kun namoota miidhaman magaalota Hawaasaa fi Hosa’inaa irraa fuudhuun, karaa Mooyyaalee, Keeniyaa, Taanzaaniyaa, Maalaawii, Zaambiyaa fi Moozaambiik seeraan ala daangaa ceesisuu irratti bobba’anii turaniiru.Himatamtoonni imala seeraan alaa kana raawwachuuf miidhamaa tokko irraa qarshii kuma 400 hanga miiliyoona tokkoo ga’u fudhachaa turaniiru. Maallaqni kunis karaa maallaqa callaa fi herrega baankii akka kaffalamu taasisuun kan walitti qaban ta’uun galmee qorannoo Poolisii keessatti ibsameera.Kana malees, namootni maallaqa gaafatame yeroo isaa eeganii kaffaluu hin dandeenyee fi maatii isaanii humnaa fi doorsisaan sodaachisuun maallaqicha akka kaffalan gochaa turaniiru.Namoonni miidhaman nyaataa fi bishaan gahaa malee guyyoota hedduuf miilaan akka deeman dirqisiifamuu isaanii, akkasumas daldaltoota seeraan ala namoota daangaa ceesisanii fi hirmaattota isaanii biratti ulee fi meeshaalee birootiin reebuun miidhaa qaamaa fi xiinsammuu, beelaa fi dararaa hamaa irraan ga’uu isaanii qorannoon Poolisii mirkaneesseera.Dabalataanis, himatamtoonni fi hirmaattonni isaanii namoota miidhaman konteenaroota qilleensa gahaa hin qabne, konkolaattota bishaan geejjibsiisuuf oolan (bootee) fi konkolaattota huccuu shaashii fakkaatuun haguugaman keessatti walirra tuuluun fe’anii geejjibsiisaa turaniiru. Haalli geejjibaa kun lubbuu namootaa balaaf saaxilaa akka ture galmee qorannoo Poolisii keessatti ibsameera.Sababa kanaan namoonni miidhamtoonni hedduun manneen hidhaa biyyoota Zaambiyaa, Maalaawii fi Taanzaaniyaa keessatti hanga waggaa lamaatti hidhamanii dararaa fi rakkina yeroo dheeraa keessa turuun isaanii ibsameera.Abbaan Alangaa Federaalaa galmee qorannoo Poolisiin bal’inaan qopheesse irratti hundaa’uun shakkamtoota irratti himannaa 35 baneera. Yeroo ammaad dhimmi yakkaa kanaan walqabatu mana murtii idilee keessatti ilaalamaa akka jiru odeeffannoon Poolisii Federaalaa ni mul’isa.Shakkamaan olaanaa Adnaw Baashaawu, Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Interpoolii, ROCK fi Poolisii Maalaawii waliin qindoominaan hojjechuun Maalaawii keessatti qabamee gara Itiyoophiyaatti akka deebi’u taasisuun isaa ni yaadatama.