Finfinnee, Onkololeessa 13, 2019 (FMC) – Seenaan ni hojjetama, ni dabalama, hundi ammoo seenaa hin hojjetu, gootni seenaa hojjetu gatii kaffalee, lafee cabsee fi dhiiga dhangalaasee bilisummaa kabachiisa.Raayyaan Ittisaa Biyyaa Itiyoophiyaa Uummatarra dhalateef wareegama lubbuu kan baasu, kabajaa fi birmadummaa biyyaa gateettii isaarratti kan baatu, yeroo qormaataa kan hin raafamne, fuuldattis rakkoo kan hin sodaanne goota cichoominan tarkaanfate biyya boonsudha.Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa qormaata isa mudatu dandamachuu qofa osoo hin taane, aadaa qophaa’ummaa balaa dhufuu danda’u dursee adda baasuu fi ittisuurratti xiyyeeffate ijaaruu irratti argama.Injifannoowwan galmeesses kan akka carraatti argaman miti.Duudhaa gootummaa abbootirraa dhaale, namuusa waraanaa olaanaa, akkasuma bu’aa murannoo fi amanamummaa biyyaa isaaf qabuurrayi.Hanguma diinoonni biyya diiguu fi ummata jeequuf yaalan Raayyaan Ittisaa akka sibiilaa cimee fi dallaa cimaa ta’ee argama.Itiyoophiyaan yeroo kamuu caalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa naamusa loltummaa olaanaa, beekumsa saayiinsiifi teeknooloojii gahaa, beekumsa naannawaafi haala addunyaa sirriitti hubate baay’inaafi qulqullinaan horachaa jirti.Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa kufuu dhabuu qofa osoo hin taane, yoo kufanis ka’anii deemsa itti fufuu isaa seenaadhaan rageesiseera.Raayyaan Ittisaa haala mijitaa hin taane keessatti, ogummaa waraanaa olaanaa gonfateen qormaatilee hunda darbuun injifannoo galmeessaa jira.Shira diinaa hunda fashaleessuun mallattoo injifannoo fi bilisummaa ta’ee itti fufeera.Gootummaan kaleessaa jajjabina har’aa, ciminni har’aa immoo abdi injifannoo bara egeree Itoophiyaati.Biyyi dhaloota tokko qofaan osoo hin taane imaanaa dhalootaa dhalootatti darbuun cimti.Injifannoon raayyichaa dirree waraanaa qofaa miti, goota misoomaa, wabii nageenyaa fi waardiyyaa ummataa dabalata.Bakka gahe hundatti jaalalaan hojjeta, ummata humnoota badiirraa baraara.Raayyaa ittisaa nageenya kabachiisuun, yeroo nagaa qonnaa fi teeknooloojiin, yeroo rakkoo ammoo gaachana uummataa ta’ee tajaajilaa jiruudha.Injifannoon har’aa kabaja biyyaa eegurra darbee biyya cimtuu dhaloonni dhufu bilisummaa fi kabajamee keessa jiraatu ijaaruudha.Imalli seenaa raayyaa ittisa biyyaa Itiyoophiyaa qabsoo fi cichoomina waggoota dheeraa keessatti kan ijaaramedha.Raayyaan kun daangaa biyyaa eeguurra darbee yeroo rakkoo fi qormaataa bkka hundatti saffisaan kan qaqqabu; dhimmi jiraachuufi jiraachuu dhabuu biyyaatiif utubaa ta’uun waggoota hedduu ce’eera.Dandeettii fi ijaarsi ammayyaa raayyaa kanaa abdii fi jiraachuu Itiyoophiyaaf wabii dhaabbataadha.Hojiileen Raayyaa Ittisa Biyyaa cimaafi bara waliin tarkaanfatu ijaaruuf hojjetamu birmadummaafi faayidaalee biyyattii kabachiisuuf murteessaadha.Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa har’as akkuma kaleessaa gaachana birmadummaa ta’ee biyyaa amanamummaan eegaa, borus itti fufa.Siifan Magarsaatiin#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa