Finfinnee, Onkoloolessa 14, 2019 (FMC) — Birmaddummaa biyyaa haala amansiisaa ta’een kabachiisuuf dhimmoota murteessoo ta’an keessaa tokko humna ittisaa yeroo wajjin tarkaanfatu ijaaruu dha.Itiyoophiyaanis dhugaa idil-addunyaa kana xiyyeeffannoo keessa galchuun, waggoota darban keessatti Raayyaa Ittisa Biyyaa yeroo wajjin tarkaanfatu ijaaruuf bal’inaan hojjechaa turteetti.Mootummaan Ida’amuu haaromsa Raayyaa Ittisa Biyyaatiif xiyyeeffannoo kennuun, Humna Galaanaa deebisee hundeessuu dabalatee dameewwan waraanaa hunda keessatti haaromsi bal’aan akka gaggeeffamu taasiseera.Haaluma kanaan, Raayyaan Ittisa Biyyaa birmaddummaa Itiyoophiyaa haleellaa kamirraayyuu dammaqinaan eeguuf itti gaafatamummaa isaa bahachaa jira.Haleellaan yoo raawwatames, tarkaanfii deebii barbaachisaa ta’e fudhachuun saffisaan, kasaaraa xiqqaan haleellaa sana fashaleessuuf dandeettii gahaa horateera.Yeroon keessa jirru kun malaa fi tooftaan waraanaa tilmaamuun rakkisaa ta’een saffisaan jijjiiramaa kan jiru yoo ta’u, Naannoon Afrikaa Bahaas haala jijjiiramaa kana keessa waan jiruuf hiriirri humnoota naannichaa jijijjiiramaafi tilmaamuuf rakkisaa ta’eera.Kana tilmaama keessa galchuun, Raayyaan Ittisa Biyyaa humna namaa fi teeknooloojii irratti jijjiirama guddaa fiduun haaromsa yeroo ammaa wajjin deemu gaggeessee sadarkaa amansiisaa irra ga’eera.Raayyaan Ittisa Biyyaa humna namaa teeknooloojii ammayyaa fayyadamuu danda’uun gahoomsuu bira darbee, teeknooloojiiwwan waraanaa ammayyaa hidhateera.Haaluma kanaan, qaama haaromsa biyyaalessaa ta’uun hojiiwwan hedduu raawwachuu fi dandeettii raawwii isaa guddisuu kan danda’e Raayyaan Ittisa Biyyaa ijaarameera.Raayyichi imala waggoota 119 keessatti gootota hedduu kan horate yoo ta’u, har’as seenaa gootummaa isaa haaromsuun dhaloota bakka bu’oota hedduu horateera.Haala waraanaa fi hiriira humnootaa jijjiiramaa jiru hubachuun, birmaddummaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf eegduu amansiisaa ta’uu danda’eera.Raayyaa humnoota Itiyoophiyaa qoruuf yaalan unkuteessuu fi qolachuu danda’u ijaaruun danda’ameera.Raayyaan Ittisa Biyyaa ergama isaa gootummaa fi milkaa’inaan bahachuun seenaa boonsaa galmeessuuf yeroo hunda qophaa’aa dha. Gara fuulduraattis ergamoonni guguddoon isa eeggatan akka jiran hubachuun, gama hundaan qophii isaa cimsachaa jira.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #Mul’ataGuddaa