Rakkoolee Afrikaa Furuuf Dhaabbilee Afrikaa Cimsuu fi Tokkummaa Guddisuun Barbaachisaa Dha — Pirezidaantii Gaanaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 14, 2019 (FMC) — Haala addunyaa yeroo ammaa jijjiiramaa jiru keessatti rakkoolee Afrikaa furuuf dhaabbilee Afrikaa cimsuu fi tokkummaa fi qindoomina isaanii guddisuun barbaachisaa ta’uu Pirezidaantiin Gaanaa Joon Diraamaanii Maahamaa ibsan.Fooramiin12ffaa Xaanaa mata-duree “Daandiiwwan Nagaa Afrikaa: Birmadummaa Diinagdee fi Jijjiirama Ji’oopoolitikaa” jedhuun magaalaa Baahir Daaritti eegalameera.Pirezidaantiin Gaanaa Joon Diraamaanii Maahamaa yeroo kanatti akka jedhanitti, Fooramiin Xaanaa nageenya, tasgabbii fi misooma Afrikaa irratti yaadonni bilisaan itti dhiyaatanii bakka itti mari’atamaniidha.Afrikaan nageenya waaraa ijaaruu kan dandeessu dhaabbilee ishee cimsuu fi ardicha jijjiiruun qofa ta’uu kan ibsan Pirezidaantichi, haala addunyaa jijjiiramaa jiru keessatti rakkoolee Afrikaa furuuf dhaabbilee Afrikaa cimsuu fi qindoomina isaanii guddisuun akka barbaachisu dubbataniiru.Nageenyi waaraa birmadummaa diinagdee kan gaafatu ta’uu fi bilisummaa caasaa diinagdee mirkaneessuunis murteessaa ta’uu kaasuun, galma kana milkeessuuf kutannoon hojjechuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.Afrikaanonni dandeettii oomishaa fi indaastirii ardichaa guddisuu, Naannoo Daldala Walabaa Ardichaa (AfCFTA) cimsuu fi birmadummaa diinagdee mirkaneessuu akka qabanis ibsaniiru.Kana malees, Afrikaaanonni of danda’anii rakkoolee isaanii furuun, ajandaalee nageenyaa fi misoomaa tumsa irratti hundaa’e hojiirra oolchuu akka qaban dhaamaniiru.#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa