Guyyaan cichoominaa ga’ee dhaabbileen nageenyaa gumaachan karaa argisiisuun kabajama

Wait 5 sec.

Finfinnee, Qaammee 2, 2018 (FMC) – Boru, Qaammee 3, Guyyaan Cichoominaa, gahee dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii gumaachan haala argisiisuun kabajama. Guyyaa kana, hojiiwwan Raayyaa Ittisa Biyyaa, Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa, Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa, Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa fi Inistiitiyuutiin Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa raawwatan ni yaadatamu.Ajajaan Waliigalaa Qajeelcha Waliigalaa Ittisa Yakkaa Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Komiishinar Jeneraalli Itti Aanaan, Malaakuu Faantaa , waa’ee kabaja Guyyaa Cichoominaa ilaalchisee ibsa kennaniin, guyyaa kana kabajuuf qophiin barbaachisaa ta’e xumuramuu ibsaniiru.Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa teeknooloojiiwwan yeroo waliin deeman hidhachuu eeranii, qormaatawwan keessaa fi alaa ciminaan qolachuun bu’aa olaanaa galmeessisuu himaniiru. Raayyaan Ittisa Biyyaa faayidaa biyyaa fi uummataa mirkaneessuuf bu’uura ta’uu isaas ibsaniiru.Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa, eegdota nageenyaa ta’uun gahee isaa ba’achaa jiraachus kaasanii, yakka daangaa ce’anii raawwataman fi daldala seeraan alaa ittisuurratti bu’aa qabatamaa galmeessisuu himaniiru.Bulchiinsi Nageenya Marsariitii Odeeffannos haleellaa saayibarii biyya irratti raawwatamu ga’umsaan qolachuun, ga’ee eegumsa biyyaalessaa keessatti qabu hojii irra oolchaa jiraachuu ibsaniiru.Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa odeeffannoo walitti qabuun, xiinxaluun fi qaamolee dhimmi ilaallatuuf qaqqabsiisuun, faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuurratti gahee murteessaa bahaa jiraachuu hubachiisaniiru.Inistiitiyuutiin Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaas imala dijitaalaa Itiyoophiyaa saffisiisuuf, ijaarsa naannoo hubannoo namtolchee irratti hojii bu’a qabeessa hojjechaa jiraachuu eeraniiru.#Oromia #Ethiopia