Finfinnee, Qaammee 5, 2018 (FMC)- Qaammee 5 Guyyaan Egeree sagantaa adda addaatiin magaalaa Bishooftuutti Kabajamaa jira.Guyyaan kun egeree biyyaa teeknooloojiifi dandeettiin bu’uuressuuf kan akeekuu ta’uu Kantiibaan magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaa ergaa dabarsaniin himaniiru.Dhaloota dorgomaa ta’e horachuuf kutannoon mootummaa olaanaa ta’uun hubatamee hunduu tumsuu akka qabu eeraniiru.Guyyaan egeree guyyaa dhalootaaf yaannu, guyyaa itti fayyadama teeknooloojiifi saayinsii cimsuuf kutannoo keenya itti mul’ifnu ta’uus kaasaniiru. Dargaggoonni imala dijitaal Itiyoophiyaa milkeesuuf yeroo sochii cimaa eegalametti guyyaa kana kabajuun hundaa ol egeree dhalootaa galmaan gahuuf kan akeeku ta’uu Hoggantuun Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Aadde Roozaa Biyyaa dubbataniiru.Tajaajila sirna dijitaalaa milkeessuufi warraaqsa dijitaalaa qabame galmaan gahuuf ciminaan hojjechuun barbaachiisaa ta’uu mirkaneessaniiru.kabajni guyyichaa hirmaannaa biiroolee Oromiyaa adda addaatiin kan qindaa’e ta’uun eerameera.Baahaayiluu Baaneetu gabaase.