Finfinnee, Fulbaana 1, 2019 (FMC) – Hoggantoonni biyyoota garaagaraa Yaa’ii 18ffaa BRICS irratti hirmaachuuf Hindi Magaalaa Niwuu Deelhii seenaa jiru.Yaa’ii 18ffaa Hoggantootaa Boruu fi iftaan gaggeeffamu durse Yaa’iin Daldalaa BRICS har’a gaggeeffameera.Yaa’ii kanarratti Pireezidaantii Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin, Pireezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa, Pireezidaantii Iraan Masuud Peezeeshikiyaa, akkasuma Pireezidaantiin Hindi Naareendiraa Moodii dabalatee hoggantoonni olaanoon addunyaa hirmaataniiru.Yaa’iin hirmaattota kuma 2 ol hirmaachise kun waltajjiiwwan daldalaa BRICS hanga ammaatti gaggeeffame keessaa kan jalqabaa ta’uutu ibsameYaa’ii 18ffaan Hoggantoota BRICS mata duree, ‘cichoominaaf, Kalaqaaf, Tumsaa fi ijaarsa waaraaf’ jedhuun gaggeeffama.Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi jilli isaanii yaa’icharratti ni hirmaatu.