Sirni gaggeessaa reeffa artiistiifi qabsooftuu Ilfinash Qannoo raawwate

Wait 5 sec.

Finfinnee, Qaammee 3, 2018 (FMC) – Sirni gaggeessaa reeffa artiistiifi qabsooftuu Ilfinash Qannoo Istaadiyeemii Finfinneetti raawwatameera.Bara 1954 Godina Wallagga Bahaa Aanaa Guutoo Giddaatti kan dhalatte artisti Ilfinash Qannoo, ijoollummaa isheerraa jalqabee gootummaan kan guutamte yoo ta’u, fedhiifi dandeettii gama aartiin qabdu milkeessuuf Hawwisoo Guddattuu Wallaggaatti makamte.Hawwisoo Guddattuu Wallaggaa keessattis gootummaafi dandeetti qabdu mul’isuun urjii taatee mul’atte.Boodarras gara Finfinnee dhufuun bara dukkanaa sanitti lubbuu qaalii osoo hin qusatin sagalee ishee kiiloleen uummata Oromoof sagalee ta’uu hanga qabsoo hidhannootti gaggeessuun fakkeenya cichoominaa dhalootaaf taatee jirti.Qabsoo gaggeessaa turte kana keessattis hidhaafi dararaa hedduu kan dabarsite, artisti Ilfinesh Qannoo bara jireenya ishee keessatti tokkummaa Oromoo lallabuun dungoo bara dukkanaa taatee ofiif gubattee uummata Oromoof iftee jiraatte.Artiisti Ilfinash Qannoo albaama 10 ol hojjechuun uummata biraan kan geesse yommuu ta’u, sirboonni ishee kunis tokkummaa Oromoo kan itichaniifi qabsoo Oromoo fuulduratti kan tarkaanfachiisaniidha.Artiisti Ilfinesh ijoollee dubaraa 2 deessee kan qabdu yommuu ta’u ijoollee 2 immoo guddistee kan qabdu akkasumas haadha Oromoo maraa ta’uu seenaan ishee ni mul’isa.Artisti Ilfinash Qannoon Qaammee 1, 2018 umrii ishee waggaa 64’tti du’aan addunyaa kanarraa boqochuun ni yaadatama.Guyyaa har’aas sirni gaggeessaa artiisti Ilfinash Qannoo Istaadiyeemii Finfinneetti bakka Hoggantoonni mootummaa Federaalaafi Naannoo Oromiyaa, maatiin, firoottan, dinqisiifattoonni isheefi uummanni Oromoo kutaalee Oromiyaa garaagaraa argamanitti raawwatameera .Sirni awwaalchaas Magaalaa Ambootti ni raawwatama.#Oromia #Ethiopia