Finfinnee, Qaammee 4, 2018 (FMC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad guyyaa Gamtaa Afrikaa 24ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessa dabarsaniiru.Baga guyyaa Dhaabbanni Tokkummaa Afrikaa gara Gamtaa Afrikaatti jijjiirame waggaa 24ffaa geessan jedhan.Itiyoophiyaan biyyoota biroo waliin ta’uun carraa Afrikaa yeroo itti aanuu murteessuu keessatti gahee mataa ishee bahachuuf muraannoo qabaachuu ibsan Dooktar Abiy ergaa isaaniin.Finfinneen teessoo Gamtaa Afrikaa taatee tajaajilaa jirti.Guyyaa kana yeroo kabajnu mul’ata waloo Afrikaa badhaate ijaaruuf qabame milkeessuuf murannoo cimaa qabaachuu keenya irra deebi’anii mirkaneessina jedhan.Itiyoophiyaan egeree Afrikaanotaa obboloota ishee waliin taatee ijaaruuf qophii ta’uu ibsan.Itiyoophiyaan hundeeffama dhaabbatichaa eegaltee hanga sagalee ardichaa ta’uu danda’uu ishee ibsan.Gamtaa Afrikaatti Shaampiyoonaa Hubannoo namtolchee fi Diijitaal fayyaa ta’uun moggaafamuu eeruun, hoggantoonnii fi dargaggoonni Afrikaa birmadummaa Teeknooloojii mirkaneessuu fi carraa diijitaal Afrikaa mataa isaanii akka bocan gaafataniiru.Baga Guyyaa Gamtaa Afrikaa geessan jedhan.#Oromia #Ethiopia