Finfinnee, Fulbaana 2, 2019 (FMC) _ Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Hindi Naareendiraa Moodii waliin mari’ataniiru.Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad yaa’ii 18ffaa hoggantoota BRICS cinatti Ministira Muummee Hindi Naareendiraa Moodii waliin michummaa biyyoota lameenii caalmaatti cimsuun akkaataa danda’amurratti mari’ataniiru.Dooktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin, tumsa raayyaa guddisuu, ce’umsa teeknooloojii, ijaarsa dandeettii, damee albuudaa, akkasumas imala COP32 ‘f taasifamaa jiruurratti Naareendiraa Moodii waliin mari’achuu ibsaniiru.Itiyoophiyaa fi Hindi hariiroo seenaa qabeessa gadifagoo, walitti hidhaaiimsa aadaa waggoota dheeraa qabuu fi ummattoota giddu michummaan cimaan jiraachuu Dooktar Abiy Ahimad eeraniiru.Haaluma kanaan walitti hidhaiimsa seenaa qabeessaa fi fedhii gaariirratti hundaa’e ,teeknooloojii, ogummaa fi Inviastimantiitti guddisuuf yeroon sirriin amma jedhan Dooktar Abiy .