Ministeerri Fayyaa Guyyaa Daneessummaa sababeeffachuun tajaajila yaalaa fi qorannoo bilisaa kenne

Wait 5 sec.

Finfinnee, Qaammee 4, 2018 (FMC) – Ministeerri Fayyaa Guyyaa Daneessummaa har’a kabajamaa jiru sababeeffachuun tajaajila yaalaa fi qorannoo bilisaa kenne.Ministirri Fayyaa, Dooktar Makaddas Dhaabaa wayituma kana, Guyyaa Daneessummaa Qaammee 4 yoo kabajnu, tokkummaa sabdaneessaa keenya eeguudhaan Itoophiyaa gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hundi keenya waliin dhaabbachuu qabna.Tajaajila qorannoo fi yaalaa bilisaa Finfinneetti, Addabaabaayii Masqalaa irratti kennamaa jiruun dhaabbileen fayyaa dhuunfaa 30 fi mootummaa 15 hirmaataniiru.Sagantichaan tajaajilli bilisaa qorannoo fi yaalaa ijaa, gurraa, garaachaa, gogaa, yaalaa keessoo, baqaqsanii yaaluu, da’umsaa fi fayyaa dubartootaa, kaansarii, laaboraatorii fa’a kennamaa jira.Tajaajila tola ooltummaa Guyyaa Daneessummaa sababeeffachuun qophaa’een, guyyaa tokko keessatti Finfinnee qofatti namoota kuma 10 ol tajaajiluun akka danda’amu ibsameera.Dabalataanis, sadarkaa biyyaatti naannolee 12 fi bulchiinsa magaalotaa 2 keessatti namoonni kuma 200 ol ta’an tajaajila qorannoo fi yaalaa bilisaa akka argatan odeeffannoon Ministeera Fayyaa irraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia