Finfinnee, Qaammee 4, 2018 (FMC) – Daneessumaan faaya miidhagina, agarsiistu humna ida’amuu keenyaa ti jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.Tajaajilichi guyyaa Daneessummaa sababeeffachuun ibsa baaseen Itiyoophiyaan ida’ama eenyummaawwan hedduu ta’uu ishee hubaciiseera.Itiyoophiyaanonni naannoo jireenyaa fi haala qilleensaa irraa kaasee, sirna nyaataa, akkaataa oomishaa fi uffannaa, akkasumas amantii fi ilaalcha siyaasaa isaaniitiingaraagarummaa hedduu qabaachuus kaase.Ida’amni daneessumaa kanaa ammoo kanaa immoo humna Itiyoophiyaan raawwii Itiyoophiyaa ta’uu eere.Akka ibsa tajaajilichaatti, diinonni seenaa biyyattii daneessummaan Itiyoophiyaanonni qaban waggoota dheeraaf akka madda walitti bu’iinsaa fi garaagarummaa furmaata hin qabneetti akka ilaalamuuf tattaafachaa turaniiru.Kanaanis, injifannoowwan milkaa’oo yeroo garaagaraa galmaa’an gufachiisuun, Itiyoophiyaan sadarkaa ishee malu irra akka hin geenye gochuuf yalaa turaniiru.Haa ta’u malee, dhaloonni har’aa hawwii diinota biyyattii fi humna daneessummaa hubachuun, Itiyoophiyaa badhaate dhugoomsuuf dhaloota seenaa hojjetu ta’uuf, gufuuwwan faneessummaa marii fi waliigalteen furuuf murteeffateera.Akkasumas, carraa waloo egeree isaas waloon karoorseera.Har’a imalli olka’iinsaa biyyattii akka hiniccinneef toora qabsiiseera.Rakkoolee fi qaawwan yeroo darbe madda walitti bu’iinsaa ta’anii alagootaafi gantootaaf qaawwa seensaa turan marii waloo fi hubannoo waloo fayyadamuun cufuuf mari’atamuus kaaseera.Mootummaan jijjiiramaa Itiyoophiyaanonni karaa qabsoo nagaa hundeessan, waggoota jijjiiramaa darban keessatti cimee dhufuun, Itiyoophiyaa hundee jabaa irratti ijaaruuf haala mijataa uumuus ibsameera.Garaagarummaa teessuma lafaa, sirna nyaataa, uffannaa, afaanii, amantii, ilaalcha siyaasaa fi garaagarummaa biroo qaban faaya fi humna Itiyoophiyaa ta’uu irratti waliigaltee waloo irra ga’amuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiseera.Daneessummaan keenya miidhaginaa fi mul’istuu qarooma kuufamaa, kaleessaa hanga har’aatti sababa danda’uu keenyaa akka ta’e maree biyyaalessaa hammataa ta’een mirkaneessineerras jedhe.Seenaawwan keenyas ragaa ta’anii dhugaa nuuf ba’aniirujechuunis hubachiise.Akka ibsa kanaatti, Seenaa Itiyoophiyaa keessattis ragaan kana mirkaneessu hedduun dha.Injifannoo Adwaa, kan seenaa fi siyaasaa addunyaa keessatti jijjiirama guddaa fide; Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa, humna qubsumaa Itiyoophiyaa cimsaa jiru; akkasumas Ashaaraa Magariisaa, kan maqaa Itiyoophiyaa addunyaa irratti waggaa waggaadhaan gaarummaan waamsisaa jiru, humna daneesdummaa fi walitti dhufeenya Itiyoophiyaanotaa mul’isan keessaa akka fakkeenyaatti warreen eeramanii dha.Kanaaf, Qaammee 4 Guyyaa Hubannoo fi Tokkummaa jedhamee, daneessummaan faaya Itiyoophiyaa ta’uu mirkaneessuun kabajamaa jira.Itiyoophiyaan biyyoota daneessumaa hedduu qaban keessaa tokko ta’uu irraa kan ka’e, abbaa humnoota hedduu ta’uu ishees Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.Faaya fi humna daneessummaa isaanii hubachuun, wal gargaaruu fi tokkoon tokkoon isaanii kan biraaf gaaddisa fi gaachana ta’uun daneessumaa isaanii mul’isuun akka danda’amu ibsameera.“Har’i dhugaa kana addunyaaf kan ittiin mul’ifnu guyyaa ajaa’ibaa ti” jechuun, Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ergaa isaatiin ibseera.Baga Qaammee 4, Guyyaa Daneessummaan isin ga’e jechuunis Itiyoophiyaanotaaf hawwii gaarii qabu dabarseera.#Oromia #Ethiopia